Tarkaanfiinn mootummaa Itiyoophiaa hidhamtootaa siyaasaa mana hidhaa turan gad lakkisuuf fudhatee akkaata heerii biyyatti eeyyamuun ta’uu isaa mannii murtii walii galaa Itiyoophiyaa ibsaa kenneen beekisiseeraa.
Mootumaan miseensotaa dhaaba shororkeessumaadhaan himatamee mana hidhaatii gad lakkisuun sirna haqa biyyatii wajjin waan walsimatuu akka hin taane ibsuudhaan paartileen mormitootaa adda addaa guyyaa kaleessaa ibsaa baasuu isaanii gabaasin Malaskaachoo Ammahaa Finfinnee irraa qindeesse ibseera.
Karaa biraatiin, gabaasaan VOA Masfin Aragee Magaalaa Dassee irraa dhimmaa hiikamuu Miseensotaa ABUT ilaalichisee jiraattonii haasofsiise yaadaa kennaniin, tarkaanfiin Mootummaan fudhate haqa qabeessa akka hin taane dubbachuu isaanii agarsiisa.
Haalumaa walqabateen prezidaantiin naannoo Amaaraa Doktoor Yilqaal Keffaalee lammiileen ilaalchaa ABUt fi qaban Irraati akka tokkummaa isaanii tumsan gaafachuu isaanii gabaasinii Masfin Araagee ibseera.