Xurree ittiin seenan

Breaking News

Antooniyoo Gutereese Gadda isaanii Ibsan


Barreessa ol aanaan dhaabbata mootummoota gamtoomanii Antoniyoo Guterees, Tigraayy keessaatti bakka namoottan qe’ee isaanii irraa buqqa’an qubatan irratti haleellaan xiyyaaraa waraanatiin namoottan nagaa irratti raawwatame akka isaan gaddisiise ibsuu isaanii dubbii himaan isaanii Isteefan Dujaariik ibsaa kaleessaa baasanii beekisaniiru.

Amajii 7/ 2022 halkan namoottan sababa wal waraansaatiin qe’ee isaanii irraa buqqa’anii magaalaa Daddabiiti keessaa qubatan irraatti haleellaa raawwatame Kanaan namoonni 50 ol du’uu fi madaa’uu isaanii, akkasumas jalqaba torban darbee Mooraa baqattoonni lammiilee Eeritiraa keessa qubatan kan bakka Maay Ayinii jedhamuuti argamuu irratti haleellaa xiyyaaraa raawwatameenn ijoollee lama dabalatee, baqattoonii sadii ajjeefamuu isaanii ibsii mootumootaa gamtoomanii kun beeksiseera.

Hanqinni tajaajilaa kan akka boba’aa fi maallaaqaa guutumaa naannoo Tigraayi keessa jiraatus, dhaabanii mootumootaa gamtoomanii fi gargaartonii dhimmaa namoomaa isaa wajjin ojjatan, akkasumas haanga’ootaa wajjin gargaarsaa atattamaa dhiheesuudhaaf tattafachaa akka jiran ibisiichii himeera.

Wal waraansa taasifamaa jiruu keessatti nageenyii siviilotaa kan yaaddoo itti ta’e Antoniyoo Gutereess maatiwwan namoottan du’aniif gadda isaanii akka ibsan kan hime ibsii kun, gareewwaan wal waaraanaa jiran haleellaa xiyyaaraa dabalatee lola akka dhaaban, akka seeraa adduunyaatiif abbomanii nageenyaa siviilotaa eegan, akka haala gargaarsa namoomaa mijeessan gaafachuu isaanii beekisiseeraa.

Kun ittuu kanaa jiruu sababa haleellaa xiyyaaraa buqqa’ootaa fi baqattootaa irratii raawwatameen kan ka’e dhaabata mootumoota gamtoomaniitti waajjirii qindeessa gargaarsa dhimmaa namoomaa ykn inni OCHA jedhamee beekamu Dilbata dheengaddaa ibsaa baaseen tajaajila gargaarsaa naannoo rakkinichii itti uumameera jedhametti kennuu isaa akka dhaabee ibseera.

Haleellaa xiyyaaraa raawwatameeraa jedhamee kana irratii amma oduun kun qophaa’etti Mootummaa Itiyoophiyaa irraa ibsii kennamee hin argamne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG