Konkolaataa naga eegumsaa mootummaa gara buufata xayyaara moqaadishootti imalaa ture irratti balaa boombii of wareega dhaqqabeen yoo xiqqaate namoonni 10 dou’uu kanneen ijaan arganii fi angawoonni dubbataniiru.
Shofeerri taaksii fi haala isaa ijaan argan Adan Nuur akka jedhanitti dho’iinsa gurra duuchuu dhaga’uu isaanii fi aara samiitti ol ka’uu arguu isaanii akkasumas biilsaalee fi konkolaataan daandii irra turan manca’uu isaanii dubbatan.
Dho’iinsa snaan keenyan mana nyaataa naannoo jiruu fi guutuun manaa diigamuu fi reeffa namoota shanii argeera jechuu dhaan namni ijaan argan ka biroo Osman Salaahjedhaman VOAf ibsaniiru.
Haleellaan sun kan raawwate keellaa sakatta’aa akkaan eegamuu fi daandii gara buufata xayyaaraatti geessu cinatti. Itti aanaa kantiibaan Moqaadishoo Alii Yare Alii akka jedhanitti ibsa itti dabalaa kennuu baatanis haleellaa har’aa irraa oolu isaanii dubbataniiru. Haleellaa sana irraa ooleen jira. Yoo xiqqaate namoonni 10 du’uu isaanii mirkaneessuu nan danda’a. Gara boodaa ibsa itti dabalaa ni kennina jedhan Aliin.
Maddeen mootummaatti dhiyeenya qaban VOAf akka ibsanitti konkokaataan sun qabeenhya kampanii naga eegumsa dhuunaa yoo ta’u, gareen ittiin deemaa turan eenyu akka ta’e battala hin beekamne. Kanneen ijaan argan ka biroon akka jedhanitti konkolaataan tokkummaa mootummootaa karaa sana darbaa ture qiyyaafata haleellaa of wareegaa sanaa fakkaata jedhan.
Bu’uursaan tajaajila ambulaansii Amiin jedhamuu Abdulqaadir Adan akka jedhanitti gareen isaanii yoo xiqqaatge reeffa namootaa saddeetii fi kanneen miidhaan irra ga’a sagal deddeebisaa turan. Haleellaa sanaaf gareen al Shabab itti gaafatama fudhachuu dhaan konkolaataa angawoota mootummaa Somaaliyaa fi kan alaa baatan irratti fuuleffachuu dubbate.
Embasiin Yunaayitid Isteeyis kan Moqaadishoo keessaa haleellaa sana balaaleffatee jira. Yunaayitid Isteetis haleellaa shororkeessotaa kan Moqaadishoo keessaa cimsitee ni balaaleffatti jechuu dhaan maatii namoottan duraa miidhamaniif gadda nutti dhaga’ame ni ibsina jechuun embasichi ergaa tweeter barrreesseen beeksiseera.
Haleellaan roobii har’aa kun kan dhaga’ame hoogganoonni Somaaliyaa kan yeroo dheeraaf lafa irra harkifataa ture filannoon biyyattii yeroo itti geggeessamu beeksisanii guyyaa tokko booda .