Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Mormii Hoogganaa Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa Irratti Qabdu Ilaalchisuun Boordii Hoji Raawwachiistuu WHOf Xalayaa Ergite


Wajjira muumee ministiraa Itoophiyaa
Wajjira muumee ministiraa Itoophiyaa

Itiyoophiyaan naamusa dhabiinsa jechuu dhaan daayiriktera jaarmayaa fayyaa addunyaa Dr. Teewoodiroos Adahaanoom irratti mormii qabdu dhiyeessitee jirti. Ministriin dhimma alaa Itiyoophiyaa xalayaa sirnaa kan boordii hoji raawwachiisaa jarmyaa fayyaa addunyaaf ergee irratti, amanamummaa jarmayaa fayyaa addunyaa balaa irra kan buuse ittiin jedhe ejjennoo naamusaa seeraa fi ogumaa daayiriktericha ol aanaa ilaalchisee mormii isaa ibsee jira.

Itiyoophiyaan Mormii Hoogganaa Jaarmayaa Fayyaa Addunyaa Irratti Qabdu Ilaalchisuun Boordii Hoji Raawwachiistuu WHOf Xalayaa Ergite
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:49 0:00

Daayirikterri jarmayaa fayyaa addunyaa Dr. Teewoodiroos Adahaanoom hirmaannaa isaanii miidiyaa hawaasaa irratti hojii TPLF jajjabeessuu, milkaa’ina waraanaa garee sanaa ti jedhamee kan yaadamuttis ni gammadu, itti dabalees yaaddoo namoomaa Itiyoophiyaan keessa jiru ilaalchisee looguu dhaan ibsa kennu jechuun mootummaan Itiyooophiyaa himatee jira.

Dr. Teewodoroos gama isaaniin mootummaan Itiyoophiyaa dawaaleen Tigraayiin akka hin dhaqqabne ittise jechuun himatan. Naannoon uummanni miliyoonni torba keessa jiraatu waggaa tokko oliif guutummaa dhaan itti marfamee jira kan jedhan daayirikterri jarmayaa fayyaa addunyaa Dr. Teewoodiroos Adahaanoom, kanaanis uummatichi dhiyeessii nyaataa kamiinuu tajaajila eegumsa fayyaa, bilbilaa, elektirikii fi geejjibaa akka hin argatin dubbataniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG