Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gurmuun Dayaasporaa Itiyoophiyaa Tokko Waan Hoogganaan isaa Asoosheetid Presitti Hime Ilaalchisee Oduun Bahe Dogoggora Akka Qabu Dubbate


Muummee ministiraa Itoopiyaa, Abiyyi Ahimad (Suuraa faayilii)
Muummee ministiraa Itoopiyaa, Abiyyi Ahimad (Suuraa faayilii)

Gabasaa oduu Asiisheetid Press baase, ka muummichi ministaraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimed mootummaa isaanii fi Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay gidduutti walii-galtee lola dhaabinsaa fiduuf mariin akka jiraatu, hoogganaa garee gurmuu “American Ethiopian Affairs Commitee” – Masfin Taganuutti himan, jedhame ilaalchisee oduun bahe dogoggora akka qabu koreen gurmuu dhalattoota Itiyoophiyaa ala jiraatanii sun fuula Twiterii isaa irratti barreessee jira.

Hoogganaan gurmuu kanaa – Mafin Taganuu, waa’ee muummicha ministaraa Abiyyi wajjiin wal arguu ilaalchisee gaaffii fi deebii madda oduu Asoosheetid Preesiif waliin geggeessaniin deebiin kennan hagi tokko dogoggora akka qabu, kan ibse barreeffamni fuula Tiwiitirii gurmuu kanaa,

“kan muummichi ministaraa Abiyyi Obbo Taganuutti himan mariin yokaan haasaan tahu kamiyyuu harka kennannaa Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay yokaan EWEHAT qofa kan ilaallatu akka tahu; mootummaan gara nageenyaatti tarkaanfii guddaa fudhachuu isaa fi amma kan eegamu, EWEHAT haleella isaa akka dhaabu tahuu; akkasumas, EWEHAT didee haleellaa haaraa waan itti fufeef, gargaarsi lammiwwan gargaarsa barbaadan dhaqqabuu kan hin dandeenye tahuu,” jedhee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG