Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensota Gadaa Michillerratti Ajjeechaan  Raaw’atame Humnoota Mootummaan Tahuu Gabaasaan Koomishina Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Beeksise  


Asxaa Koomishinii Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa 

Hubachiisa: Dhaggeeffattoota keenyaa jechoonni gabaasaa kana keessa jiran tokko tokko akka dhaggeeffachuuf ulfaachuu malan dursinee sin hubachiisna. 

Koomishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa bulchiisa naannoo Oromiyaa, godinaa Shawaa Bahaa, Aanaa Fantaallee keessatti ajjeechaan Mudde 1, bara 2021 miseensota Gadaa Michillee Karrayyuu irratti raaw’atame humnoota naga-eegumsaa mootummaam tahuu ibsa baaseen beeksisee jira.

Dhimma kana irratti koomishinicha irraa ibsa dabalataa argachuu hin dandeenye. Aangawoota mootummaa naannoo Oromiyaa irraa deebii argachuuf carraaqqiin goones hin milkoofne.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Miseensota Gadaa Michillee Karrayyuurratti Ajjeechaan  Raaw’atame Humnoota Mootummaan Tahuu Gabaasaan Koomishina Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Beeksise
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:55 0:00


Yaadawwan Ilaali (3)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG