Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godinaa Gujii Keessatti Haleellaan Riphxee-loltootaan Geggeessamu Daran Hammaachuu Dubbatu, Jiraattonnii fi Aangawoonni Aanichaa  


Magaala Shakkisoo, Gujii (Suuraa faayilii)
Magaala Shakkisoo, Gujii (Suuraa faayilii)

Bulchiinsa naannoo Oromiyaa, godinaa Gujii Lixaa, aanaa Galaanaa keessatti gurmuu mootummaa “ABO Shanee” ittiin jedhuu fi ofii “Waraana Bilisummaa Oromoo” jechuun of waawaniin haleellaan geggeessamaa jiru daran hammaatee itti fufuu isaa jiraattonni aanichaa hagi tokko Raadiyoo Sagalee Amerikaatti himanii jiran.

Bulchaan aanaa Galaanaa gama isaaniitiin miidhaa gurmuun hidhattootaa kun geessiseen lubbuun namootaa dhabamuu fi lammiwwan buqqa’uu ibsanii, mootummaa naannoo fi mootummaan federaalaa humna dabalataa bobbaasuun duulanii yoo tarkaanfii irratti hin fudhanne haalli isaa rakkisaa tahuu dubbatan.

Himannaa kana irratti hoogganoota gurmuu riphxee loltootaa irraa deebii argachuuf carraaqqiin gohame haga ammaatti akka hin milkaa’iin Yonaataan Zebdiwoos Hawaasaa irraa gabaasee jira. Tujubee tu dhiheessa.

Godinaa Gujii Keessatti Haleellaan Riphxee-loltootaan Geggeessamu Daran Hammaachuu Dubbatu, Jiraattonnii fi Aangawoonni Aanichaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:50 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG