Mootummaan Itiyoophiyaa wal waraansa hamaa siviiloota miidhe xumuura akka itti tolchuu gochuuf bulchiins Baaydiin tarkaanfii dabalataa akka fudhatuuf yaada bakka buutonni uumataa Tom Malinowski fi young Kim dhiyeessan koree birkii haajaa alaa kan mana maree bakka bu’oota uummataa raggaasisee jira.
Kanneen walitti bu’iinsa kana hammeessan irra ugguura ka’uu, hanga kabajamuun mirga namoomaa hojii irra oluutti gargaarsa nageenyaa fi maallaqaa mootummaa Itiyoophiyaaf kennamuu dhaabu kan jedhu of keessaa qaba.
Wal waraansii Itiyoophiyaa keessatti baatilee 15 gaggeeffame siviiloota irratti miidhaa hamaa geesisuu isaa ibsee Tokkummaan Mootummootaa yakka waraanaa, yakka dhala namaa irratti rawwatamee akkasumas kan duguggaa sanyii ta’u malu galmeesseera jedhee jira.