Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattuun Yunversiitii Dambi Doolloo Dorgommii Barreefaamaa Moote


Madiinaa Gammachuu badhaasa yeroo fudhattu

Madiinaa Gammachuu Yunivarsiitii Dambi Doollootti, Barattuu Seeraa Waggaa 5ffaati. Madiinaan Dorgommii Barreeffamaa, Waldaa Fannoofi Addeessa Diimaa Idil-Addunyaatiin qophaa'e injifachuushee Sagalee Ameerikaatti himteetti.

Dorgommii kanarratti, barattoota 48 Yunivarsiitii 30, biyyoota Baha Afriikaa 7 keessa jirantu hirmaate.

Madiinaan Qormaata Seerri Mirgoota Namummaa ykn Waraanaa Idil-Addunyaa qabu irratti barreessuu ishee Sagalee Ameerikaatti himteetti.

Dargaggootni yoo jabaatanii hojjatan, waan kaayyefatanitti ni milkaa'u jechuun Sagalee Ameerikaatti himteetti.

Naakoor Malkaatu Amborraa erge.

Barattuun Yunversiitii Dambi Doolloo Dorgommii Barreefaamaa Moote
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:19 0:00

Yaadawwan Ilaali (4)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG