Manni maree bakka bu’ootaa mootummaa Itiyoophiyaa labsii yeroo muddamaa ji’oottan jahaan duraa raggaasisee turee guyaa har’aa kaasuun isaa beekameera.
Akka gabaasnii Malaskaachoo Ammahaa fi Galmoo Daawit VOAdhaaf dhiheessan jedhetti, murtoon labsicha kaasuu kan ragaasifamee mana marichaa teessoo 547 qabu keessaa miseensonii 63 mormanii, miseensonii 21 immoo sagalee kennuu irraa of qusachuun isaanii beekamee booda.
Miseensonni labsicha kaasuu morman akka jedhanitti,yeroo ammaa naannoo Affarii fi Amaaraa keessatti loltoonii TPLF ittuu lafa qabatanii jiraanii, naannoo Oromiyaa keessatti Hidhattoonni Waraanaa Bilisummaa Oromoo inii mootummaa Shanee jedhee waamu ittuu bakka adda addaa keessatti socho’aa jiranuu labsii yeroo muddamaa kaasuun yeroo isaa miti.
Mana maree bakka bu’ootaatti bakka bu’aa mootummaa kan ta’an, obbo Tasfaayee Beeljigee deebii mormitootaaf kennaniin, mootummaan rakkinaa nageenyaa yeroo ammaa biyya keessa jiran seeraa idileetiin too’achuun akka danda’u ibsuu isaanii gabaasini Mallaskaachoo Ammahaa fi Galmoo Daawitii VOA dhaaf ergan eereera.