Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Biyyoota Awuroopaaf Humna  Eleektrikaa Dhiyeessuu Barbaaddi:MM Abiyyi Ahmad 


Mummicha Ministeeraa Abiyyi Ahmad, Guraandhala 20, 2022
Mummicha Ministeeraa Abiyyi Ahmad, Guraandhala 20, 2022

Itiyoophiyaan hidha laga Abbayyaa irraa humna maddisiisuu jalqabuu ishee Dilbata kaleessaa kan beeksiifte yoo ta’u sirna eebbaa isaa kana irratti kan argaman mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad akka jedhanti biyyattiin humna ykn Eneerjii qulqulluu fi haareessuun danda’amu biyyoota ollaa ishee kan Afrikaa Masrii fi Sudaan dabalatee karaa isaanis Awuroopaa tajaajiluuf walta’iinsa addunyaa jajjabeessuu irratti qiyyaafattee jirti jedhan.

Itiyoophiyaan hidha laga Abbayyaa irraa humna maddisiisuu jalqabuu beeksifte
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:57 0:00

Walta’iinsa kutaa kan ilaaleen ennaa dubbatan, Itiyoophiyaan bishaan laga Abbayyaa hojii misoomaa kan biroof kan hin gargaaramne ta’u agarsiiftee jirti kan jedhan mummichi ministeeraa Abiyyi Kunis bishaan kun guutee dhangala’uun hawaasaa fi biyyoota isaan gargaaraman akka hin miineefii jedhan. Hidhii hojjaan isaa meetra 155 ta’e kun yeroo hojiin isaa xumuuramuu ardii Afrikaa keessatti guddicha ta’u kun, tarbaayinii qabu 13 keessaa tokko Dilbata kaleessaa hojii isaa kan jalqabee jira. Kunis humna eleektriika meegaa waaatii 375 kan maddisiisu ta’u hojii gaggeessaan sadarkaa olaanaa kan hidha Sanaa Ingineer Kiflee Horoo oduu gabaastotaaf iddoo sanatti argamaniif ibsanii jiru.Tarbaayinii inni lammafaan baatilee xiqqoo keessatti hojii yeroo jalqabu, humnii amma maddisiisaa jiru dachaa akka ta’u ibsanii jiru.

Ijaarsii Proojeektii Doolaara Biliyoona 5 kun , bara 2011 kan jalqabamee yoo ta’u, ennaa hojiin isaa guutummaatti xumuuramu humna eleektrikaa meegaa waatii 6500 maddisiisuuf jira.

Haqinni bishaanii na mudataa yaaddoo jedhu kan qabdu Masriin ijaaras hidha kanaa mormaa turte.Kan duraan hidha kanaaf deggersa kennaa turte Sudaan booda irra Masrii cina dhaabachuun lameeenu dhimmi kun nagaa fi tasgabii kutaa Sanaaf sodaa akka ta’e gola naga eegumsaa kan Tokkummaa mootummootaatti iyyaachuun isaanii ni yaadatama.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG