Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaayinaan Naannoo Gaanfa Afriikaaf Jila Addaa Ramadde 


FAAYILII - Sirna baniinsa buufata waraanaa Chaayinaan Jibuutiitti ijaarte irratti yeroo miseensonni Waraana Bilisa Baasaa Ummata Chaayinaa yeroo hirmaatan, Hagayya. 1, 2017.
FAAYILII - Sirna baniinsa buufata waraanaa Chaayinaan Jibuutiitti ijaarte irratti yeroo miseensonni Waraana Bilisa Baasaa Ummata Chaayinaa yeroo hirmaatan, Hagayya. 1, 2017.

Itiyoopiyaa, Eertraa fi Somaaliyaa dabalatee biyyootii gaanfa Afriikaa yeroo ammaa jeeqamaan raafamaa jiraniif Chaayinaan China has jila addaa dipilomaatii gameessa Shuwee Bing rammaddee jirti.

Shuween kana dura Paapuwaa New Giiniitti ambaasaaddera Chaayinaa ta’uun kan hojjetan yoo ta’u, Afriikaa, Ameerikaa, Oceanaia, keessa muuxannoo hojii qabaachuu isaanii ministriin haajaa aalaa Chaayinaa har’a beeksisee jira.

Hojiin isaaniis naannoo sanaaf sabatiinsi waariinsa qabu akka dhufu, misoomaa fi badhaadhina akka argatudeggeruu fi karoora misooma nagaa Chaayinaan qabdu beeksisuuf hojjechuu dha jedhameera.

Ministriin haajaa alaa Chaayinaa Wang Yi baatii Amajjii ennaa gaanfa Afriikaa dhaawwatanitti jila ramaduuf karoorri akka jiru labsanii turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG