Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiwwan Itiyoophiyaa Kiyaav Keessaa Maal Jedhu? 


Magaalaa galma mootummaa Yukreen  Kiyaav keessa barattonni jiraatan gara magaalaaa daangaa irra jiranii fi biyya ollaatti baqataa akka jiran ibsanii jiru.  
Magaalaa galma mootummaa Yukreen  Kiyaav keessa barattonni jiraatan gara magaalaaa daangaa irra jiranii fi biyya ollaatti baqataa akka jiran ibsanii jiru.  

Barattuun Illeenii Abroom jedhamtu Sagalee Amerikaaf akka ibsiteetti kamiisa kaleessaa yaadda’aa bulanii har’a Awutoobusa barbaacha jiru. Waan ta’uuf jiru hin beekamu, asii fi achii fiignee gara poolaand ykn ganda daangaa biyyatti kan taate Laviiv deemuuf yaalaa jirra jetti.

Lammiwwan Itiyoophiyaa ba’anni jiran. Akkan yaaduutti kan asitti hafnee xiqqaa dha jette.

Gama biraan waahilli keenya Afaan Somaalee kaleessa barataa Itiyoophiyaa kiyaav irraa gara daangaatti deemuuf kokolaataa dhabe tokko akka hasoofsiiseetti kana irraa kan nu oolchu waaqayyo qofa waan ta’eef hunduu akka amantii hordofuutti kadhachuu qofa jedhe.Brattonni hedduminaan kan ba’an yoo ta’u lammiwwan Itiyoophiyaa iddoo kana jiraatan immo mana ofii keessa ta’anii waan jiru hordofaa jiru. Haallii jiru sodaachisaa dha jedhe..

Yukreen keessa Itiyoophiyaan Embaasii waan hinqabneef jecha Jarmanii keessa kan jiru Embaasiin Itiyoophiyaa lalmmiwwan isaa gara Polaanditti akka ba’an gaafatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG