Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhukkubii Busaa Itiyoophiyaa Gama Kibbaatti Hammaachuun Ibsamee Jira 


FAAYILII - Ugaandaa naanoo dhukkubi busaa jiru
FAAYILII - Ugaandaa naanoo dhukkubi busaa jiru

Waggaa 10 booda weerara dhukkuuba Busaa dhaqqabeen baatilee dabran 6 keessatti namnii 24 du’uu waajiirri fayyaa kan bulchiinsa naannoo Uummattoota gama kibbaa beeksisee jira.

Weerarri dhukkuuba Busaa 100 keessaa harka 23n dabaluu, waajiira fayyaa nannichaa keessatti, Daayreekteera kutaa ittisa dhukkubootaa fi fayyaa jajjabeesssuu Obbo Maalee Maatee RSA ibsanii jiru.

Busaan akka haaraatti kan babal’atee keemikaalli biifamuu dhabuu isaan akkasumas, saaphanni siree dhaabattoota addunyaa biraa kennamaa turan addaan cituu fi dagannaan ta’uun ibsamee jira.

Faca’iin dhukkuuba Busaa ittisuuf waan hir’ate mara guutuun akka barbaachiisu itti gaafatamaan kun ibsuu isaanii Yonaataan Zabdiwoos Hawaasaa irraa gabaasee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG