Xurree ittiin seenan

Breaking News

Liibiyaa keessatti Mootummaan Ce’uumsaa hundeeffame


FAAYILII - Muumeen Ministeeraa Faatih Bashaagha-Triipolii, Liibiyaa, Guraandhala 10, 2022.
FAAYILII - Muumeen Ministeeraa Faatih Bashaagha-Triipolii, Liibiyaa, Guraandhala 10, 2022.

Seera tumtoonnii Liibiyaa Mootummaa ce’uumsaa haaraa guyyaa kaleessaa raggaasisuun isaanii beekameraa.

Muumeen Ministeeraa yeroo Faatih Bashaagha kaabinootaa mootummaa isaanii dhiheesan, Seeraa tumtootaa ykn miseensotaa parlamaa 101 keessaa deggersaa sagalee 92 argatanii muudamaniiru.

Akkuma Kanaan Muumeen Ministeeraa Bashaaghan Itti aanaa Afaan Yaa’ii Ahmed Ho’umaa Ministeeraa Ittisa biyyaa godhanii Yemuu Muudan , gamtaa Awuropaa ti Ambaasadara Liibiyaa kan turan Haafeez Qaduur immoo Ministeeraa Dhimmaa alaa taasisaniiru.

Miseensonni Paarlamichaa caalaan isaanii baha biyyatti warren bakka bu’an waan ta’aniif warren gara lixaa biyyatti hin gamachiifne. Muumee ministeeraa duraan kan ta’an Abdul Haamid Dibeebah fi gareen isaanii muumichii minsteeraa ji’a darbee flataman Bashaaghaan kutaa lixa biyyatii Misraataa irraa ta’anus Mootumaa haraa amma dhaabatee akka hin fudhannee ibsaniiru.

Liibiyaa gara bahaa keessa hogganaa waraana Mormitootaa Kan ta’an Khaliifaa Hifter Mootumaa Bashagha akka degeran ji’a darbee yemuu isaan flataman ibsanii turan. Garee Khaliifaa Hiftaar fi gareen lixa biyyatii isaa Biyyaa Turkiitiin deggeramu gidduu walii galteen hin jiruu.

Kanaaf jechuudhaan mootummaa ce’uumsaa amma dhaabbate kana hordofuudhaan wal waraansii akka haaraatti itti fufuu danda’a akka jedhamaa jiru gabaasameera. Mootummaan Ce’uumsaa Loibiyaa ammaa Ji’oottan 14 gidduutii Filannoon amma taasifamutti kan hundeefameedha.

XS
SM
MD
LG