Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waa’ee Lola Saambee Seenaan Maal Jedha? 


Waa’ee Lola Saambee Seenaan Maal Jedha? 
Waa’ee Lola Saambee Seenaan Maal Jedha? 

Akka galmeen seenaa jedhutti, lola Adawaarratti loltoota Itiyoophiyaatiin kan injifatamte Xaaliyaan bara 1920’oota gara dhumaarra lafa Itiyoophiyaa weerartee turte. Bara sana Itiyoophiyaa bakka gara garaatti loltoota Xaaliyaan waliin lolli hedduun gaggeeffamuu dubbata seenaan. Lola gaggeeffaman kana keessaa tokko bara 1933 gaggeeffamuun isaa kan himamu lola Saambee ti.

Saambeen Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Aalleetti kan argamu yoo tahu, lola kana jiraattonni Godinaalee Oromiyaa lixaa fi kan giddu galeessaa waliin tahuun loltoota Xaaliyaan baataliyoonii 12 injifachuu Angawootni fi qorattoonni VOA’tti himanii jiran. Galmoo Daawit tu qophii har’aaf qindeesse.

Obbo Hordofaa Belaay itti gaafatamaan Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Aanaa Aallee, lola kanarratti Jaagamaa Keelloo dabalatee namootni hedduun irratti hirmaachuu himanii, bakkichaaf qorannoo fi eegumsi gahaan waan hin taasifamneef irraanfatamee hafaa jiraa jedhan. Waajjirri Aadaa fi tuurizimii Iluu Abbaa Boor bakka seena qabeessa kanaaf karooran qaba jedha. Gabaasaa guutuu caqasaa.

Waa’ee Lola Saambee Seenaan Maal Jedha?
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:15 0:00

XS
SM
MD
LG