Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Kibbaa keessatti warren sarbiinsa mirga namoomaa raawwatan itti gaafatmuu qabu jedhame


FAAYILII - Konkolaataa Tokkumaa Mootummootaa, Sudaan Kibbaa
FAAYILII - Konkolaataa Tokkumaa Mootummootaa, Sudaan Kibbaa

Sudaan kibbaa keessatti sarbiinsii mirga namoomaa suukkanneessa ta’ee raawwtamuu isaa gabaasinii dameen dhaabbata Mootummootaa gamtoomanii sudhaan kibbaa keessa jiruu fi Dhaabbanii mirgaa namoomaa Mootummootaa gamtoomanii waloodhaan ibsa baasaniin beeksisaniiru.

Hokkora walwaraansaa dabalatee kutaa biyyaatii baha Mootummaa naannoo Ikuutoriyaall jedhamu, godinaa Taamburaa keessatti ji’a Waxabajii fi Fulbaanaa bara 2021 gidduutii taasifameen yoo yarate siviilonnii 440 du’anii, 18 immoo madaa’aniiru. Namoonni 74 ukamsamanii yemmuu butaman, 64 immoo hookkorii saalaa irratti raawwateera.

Kanneen keessaa mucaan dhurbaa wagga 13 gudeeddaa dirqii gareedhaan irratii raawwatameen lubuun ishee akka darbee kan ibse gabaasiin kun, namoonii 80,000 ta’an akka qe’ee isaanii gad lakkisaanii baqatan dirqisiisamuu isaani fi qabeenyii isaanii saamamuuf barbadaa’uu isaa beeksiseera.

Badiinsii kun kan uumame yemuu gareen Sochii Walabummaa ummataa sudaan ykn SPLMA-IO fi Umnii Ittisaa Ummataa Sudaan Kibbaa YKN SSPDE isa Meejer jeeneraal James Naandotiin hogganamu, akkasumaas milishiitaa gareewwan lamman cinaa dhaabbatanii wal lolaa turaniin akka ta’e ibsii kun Eereera.

Gareewwan fi namoottan dhuunfaa ajjeechaa sukannesaa ta’ee, hokkora salaa fi ijoollewan ukkaamsanii fudhachuu irratti hirmaatan akka ittii gaafatamumaatti dhihaachuu qaban kan gaafatan Komishineerii olaantuun mirgaa namoomaa Misheel Baachileet gaafataniiru.

Mootummaan Sudaan kibbaa gareewwani fi namoottan dhuunfaa badiinsa kan raawwatan irratti qorannoo taasisuudhaan akka tarkaanfii fudhatuu ibsii Sudaan kibbaatii dameen Mootummootaa gamtoomanii fi Komishiiniin mirgaa namoomaa Mootumootaa gamtoomanii waloodhaan baasan gaafateera.

XS
SM
MD
LG