Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashiyaan Yukireeniin Weeraruun Lammiiwwan Afriikaa Gamas Jiraatan Irra Dhiibbaa Kaa’e


Dhimma lammiiwwan biyyoota Afrikaa Yukireen keessatti danqamanii.
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:31 0:00

Dhimma lammiiwwan biyyoota Afrikaa Yukireen keessatti danqamanii.

Kan lola Yukireen jalaa dheesse barataa lammiii Naayijeeriyaa kan ta’e Adoonis Ayyo Osolabi, wixata har’aa ennaa Hangary dhaqqabu waa’ee hiriyoota isaa boodatti dhiisee deemee kan isa yaaddessu ta’uu dubbata.

Namoonni irra hedduun mgaalattii dhiisanii ba’aniiru. Yoo nama naannoo sanaa miti taate, namoota waliin dubbachuun rakkisaa dha. Waan barbaaddu argachuufi illee rakkoo dha. Bakka ciisichaa keessumaa. Namoonni hin ciisan. Namoonni buufata baabura imaltootaa lafa jala jiru dhaqanii achi taa’u. baay’ee qorra. Halkan lafa taa’an miti. Mijataa miti. Magaalaa keessaa dho’iinsa boombii waan dhageenyuf filmaata ka biroo hin qabn jedhe.

Baratuu ka biroon Jesikaa jedhamtu illee haalli muddamsuu magalaa Kharkiiv keessaa keessumaa erga boombiin mana ishee cinatti dho’ee booda Yukireeniin dhistee akka baatu na dirqisiise jette. Gama biraan odu gabaasaan VOA Jaaksen Mivungaanii barattoota Yukireen magaalaa Karkiiv keessatti danqaman dubbisee jira.

Lolli Yukireen guyyaa shanaffaa qabatee ennaa iru kanatti, jiraattonni lammiwwaan Afriikaa irra jireessi barattoota ta’an, waraana weerara geggeesse fi waraanni Yukireen kan naannoo ofii isaanii irraa ittisuuf lola geggeessan gidduutti danqamanii jiru. Hedduun isaanii mala ittiin gamasii ba’an barbaadaa jiru. haa ta’u malee, yeroo ammaa balaliin biyyattii keessaa ba’an waan hin jiraanneef, hedduun geejjiba lafoon deemuu dhaan biyya hollaa kan akka Poolaand dhaqabuuf yaalaa jiran. Kanneen biroon kan akka lammii Taanzaaniyaa David Nusuyaa ka magalaa daangaa Rashiyaatti dhiyoo fageenya walakkaa sa’aatii ta’u irra jiru magaalaa Kharkiv keessa jiraataa ture nageenyaaf mala gaarii jechuun achumatti hafuu filate.

XS
SM
MD
LG