Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yukreen Keessatii Loogiin Baqattoota irratti raawatamu akka fudhatama hin qabnee Yunaayitid Isteetes Beeksiftee jirti


Yukreen Keessatii Loogiin Baqattoota irratti raawatamu akka fudhatama hin qabnee Yunaayitid Isteetes Beeksiftee jirti
Yukreen Keessatii Loogiin Baqattoota irratti raawatamu akka fudhatama hin qabnee Yunaayitid Isteetes Beeksiftee jirti

Wal waraansaa yukreen keessatti Adeemaa jiru baqachuudhaan namoottan biyyoottan sadaffaa wareen daangaa qaxaamuruuf deeman irratti loogiin gosaa irratti hundaa’ee taasifaamuun isaa akka fudhatama hin qabneefi gochaa dhiifamma hin qabnee ta’uu isaa mootummaan YunaayitidIisteets beekisiseera.

Ibisii karaa dubbii himaa ministirii dhimmaa alaa Yunaayitid Isteetesn bahee kun, daangaa Yukreen irratti loogiin gosaa irratti hundaa’ee taasifamuu isaa odeeffannoo midiyaa argachuu isaa ibsee, waraanaa baqachuudhaan namoottan daangaa qaxxaaamuranii deeman ija walqixeetiin ilaalamuu akka qaban hubachiiseera.

Amma ammati biyyootan daangaa isaanii banaa gochuudhaan baqattootaa simachaa jiran kan galateeffate ibisii kun, Yunaayitid Isteets jarmiyaalee Mootummootaa gamtoomanii warren bakka rakkinichaattii dhihoo jiranuu wajjin hojajchaa akka jiru dubbateera.

Biyoottan naannoo yukreen jiran dhimmaa baqattootaa irratti dhirqama seera adduunyaa isaan irra jiruuf abboomanii baqatootaa bakkaa irraa baqatanitti umnaan deebisuu kan dhuwu qajeelfama dhaabbata Mootummootaa gamtoomanii akka kabajuu qaban hubachiiseera.

Namoottan balaadhaaf saaxilamanii hokkora jalaa baqachaa jiran warren viizaa malee daangaa qaxxaamuruu hin dandeenye lammiilee biyoottan sadaffaatiif yukreen daangaa ishee qaxxaamuraanii bahan taasisuu akka qabdu gaafateeraa ibsii kun.

Yukreen lammiileen biyyaa biraa keessumaa lammileen Afrikaa biyyatti keessa turan fi warren lola baqatanii biyyaa biraatti darbuudhaaf yaalan irratti akka loogii taasisaa jirtu gabasamaa jiraachuun isaa hin yaadatama.

Kun ittuu kanaa jiruu biyyaa Jarman magaala Barliin ta’uudhaa biyyaa poolaand, yukreen, Cheek Repubiliiki fi Slovaak ti Ambaasadara Itioophiyaa kan ta’an Muluu Solomoon ibsaa VOA dhaaf kennaniin, yukreen keessaa bahu irraatti lammillee Afrikaa irratti akka loogiin tasifamaa jiruu odeeffannoo qabaachuu isanii ibsanii garee addaa lammiilee Itiyoophiyaa Yukreen keesaa bahaa jiraan kan gargaaru garaa poolaanditti erguu isaanii himaniiru.

Haaluma wal qabateen, Akka komoshiineerrii olaanaan dhimmaa baqatootaa kan mootummootaa gamtoomanii (UNHCR) Flippoo Graandii oduu gabaastotatti himanitti, amma har’aatii baqattoonni 520,000 yemuu yukreeniin keessaa bahan torban dhufuu keessatii lakkoofsii kun garaa Miiliyoonii Afuriitti ol siquu danda’a.

XS
SM
MD
LG