Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsi Sudaan Kibbaa Keessaa Lubbuu Galaafate


FAAYILII - Nama qawwee qabatee loon oofuu, Tonjii, Syydaan Kibbaa Guraanndhala 16, 2020
FAAYILII - Nama qawwee qabatee loon oofuu, Tonjii, Syydaan Kibbaa Guraanndhala 16, 2020

Torbanneen darban keessa Sudaan kibbaa naannolee adda addaa keessatti irra hedduu waliti bu’iinsa beeladaalee waliin wal qabateen namoonni 70 ta’an du’uu isaanii kanneen ijaan arganii fi angawoonni ibsaniiru.

Angawoonni Sudaan waaltaa gama bahaa kutaa Jonglee akka jedhanitti haleellaa dhiyeenya raawwatameen konyaa Duk keessaa saamicha beeladaalee wixata darbe raawwateen naoonni 14 yoo ajjeefaman 13 immoo mada’aniiru.

Bulchaan yeroo kutaa Jonglee Tuoong Majook VOA tajaajilaa Sudaan kibbaaf akka ibsanitti, konyaa Duk paadiyeet keessatti kan argamu mooraan beeladaalee Pangonkeel, shororkeessaota dargaggootaa naannoo bulchiinsa hollaa Piboor-n haleellaan irratti raawwate jedhan. kanneen haleellaa raawwatan kun beeladaalee hedduu saamanis wixata galgala garuu deebisaniiru jedhan.

Dilbata darbe tikiseewwan Sudaan hawaasa Omraan irraa ta’uun isaanii shakkamu, mooraa beeladaalee konyaa Rubkonaa kan kutaa Yuunitii keessaa weeraran jechuu dhaan gorsaan naggeenyaa kutaa sanaa Stiifen Salaam ibsaniiru. Stiifen akka jedhanitti yoo xiqqaate namoonni torba yoo du’an, tikfatteen Sudaan kibbaa kudhan madaa’aniiru.

Haleellaa wixata darbe konyaa Duk keessatti ta’e, bulchaan yeroo kan Jonglee Majook akka jedhanitti naannoon bulchiinsa Pibor hoogganoonni isaa dargaggoota to’achuu waan dadhabanii prezidaant Salva Kiir bulchiinsa sana diiguu qabu jedhan. bulchaan naannoo sanaa Lokalii Ameeiyaa garuu himannaa sana haaluu dhaan to’annaa isaanii jalaa akka hin ba’in dubbatan.

Itti gaafatamaan kutaa presii prezidaant Kiir Ateenii Week Ateenii akka jedhanitti naannoon bulchiisa Piiboor akka diigamuuf bulchiinsi isaanii gaaffiin hin dhiyaanneef jedhan. Embasiiwwan Yunaayitid Isteets hookkarri naannoo Abyeii fi Agok hammaataa adeemuun yaaddessaa ta’uu roobii darbe ibsanii, gareeleen martinuu ijaa wal ba’uu dhaabanii gara mariitti akka deebi’an gaafataniiru.

XS
SM
MD
LG