Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan dhukaasaa dhaabuu labsite


FAAYILII - Pireezdaanitt Raashiyaa Vilaadmeer Puutin
FAAYILII - Pireezdaanitt Raashiyaa Vilaadmeer Puutin

Siviilonni walwaraansaa Raashaa fi Yukireeyiin gidduutti taasifamaa jiru keessati qabamanii jiran akka bahu danda’anuuf jechaa Raashaan Roobii har’aa dhaabinsaa dhukaasaa labsuu isheen gabaasameeraa.

Murtiin dhukaasaa Dhaabuu kan labsame namoonnii magaalotaa Kyiv, Chernihiv,Sumy, Kharkiv fi Mariupoln keessaa bahu barbaadan akka bahaniif ta’uu isaa Raashaan ibsiteetti.

Qibxataa kaleessaa jiraattonni kumaatamaan lakkaawaman magaalaa kibba lixaa Yukreen keessatti argamu Irpin keessa jiran waraanii Raashaa haleelaa taasisuu danda’a jechuudhaan akka baqachuudhaaf yaalaa turan gabaasameeraa.

Akka suur sagaleen dhaabata Telvijiinii Birteen SKY TV agarsiisetti namoonni namoonii haleellaa waraana Raashaa jalaa baqatan gara magaalaa Kyivtti fageenyaa Kiiloomeetorii 25 ta’uu miilaan adeema turan.

Namoottan baqachaa jiran keessa tooko, "ittuu samii cufanii tarii Raashaa na lolaa turee,"jedhee kan dubbate Yemuu ta’u baqattonii biroo immoo akka naannoo magaalaa Irpintii dhukaasinii taasifam jiruu fi karaan balaa keessaa milqan akka hin jirre oduu gabaastotatti dubbataniiru.

Akka Itti aantuun Muummee ministeeraa Yukreen Iryna Vereshchuk jedahnitti, qibxataa kaleessaa magaalaa Sumy keessaa qofa namoonii kumnii 5 baqatanii bahaniiru.

XS
SM
MD
LG