Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maartiin Griifits waamichaa dhuheesan


Lammiiwwan Yukireen gara Pooland baqatan keessaa, Bitootessa 8, 2022.
Lammiiwwan Yukireen gara Pooland baqatan keessaa, Bitootessa 8, 2022.

Dhaabbata mootummootaa gamtoomaniitti Itti gaafatamaan dhimma gargaarsaa namoomaa Martiin Giriifits wal waraansaa Raashaa fi Yukreen gidduutti adeemaa jiruun walqabatee siviilotaa biyyatti gadi lakkisaanii bahu barbaadaniif akka karaan banamuu, warren hin baaneef immoo haalii gargaarsa dhiheessu akka mijatuu gaafataniiru.

Maartiin Giriifits kaleessa mana maree nageenyaa Mootummoota gamtoomanii irratti haasaa taasisaniin, gareewwan wal waraansa keessa jiran siviilota, manneen isaanii fi Bu’urawwan misoomaa isaan itti fayyadamaniif akka Eegumsa taasisan gaafataniiru.

Martiin Giriifits akka dabalanii miseensotaa mana maree nageenyaatti himaniitii, siviilonni bakka wal waraansaa keessa jiran fedhii isaaniitin karaa barbaadaniin akka bahu danda’an akka taasifamu, wareen bahu hin dandeenyee ykn hin barbaaneef immoo bakka jiranitti akka eegumsii taasifamuuf waamicha dhiheessaniiru.

Akkaataa siviilotaaf karaa naga qabeessaa saaquu danda’amuu irratti haanga’oota waraana Raashaa waliin maryachuudhaaf gareen Mootummoota gamtoomanii Mooskoo galuun isaa ibsameeraa.

Dhaabbata mootummootaa gamtoomaniitti Ambaasadaraa Yunaayitid Isteets kan ta’an Liindaa Toomaas Griinfiild siviilonni bakkewaan wal waraansa keessa jiran nagaadhaan akka bahan fi gargaarsii namoomaa akka raabsamuu danda’uuf ulaan saaqamuu akka qabu gaafachuun isaanii gabaasameera.

Dhaabbataa mootummootaa gamtomaniitti, dhaabbanii dhimmaa ilooleewanii irratii hojatuu UNICEF gama isaatiin akka jedhetti, namoottan Yukireeniin gadi lakkisaanii baqachaa jiran Miliiyoonii 1.7 keessaa walakkaan ijoollewan. Jareen kana keessaa ijoollewan 27 du’anii 42 immoo madaa’uu isaanii UNICEF ibseeraa.

XS
SM
MD
LG