Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Har’as Haleellaa Geesisuu Itti Fuuftee Jirti:Angawoota Yukreen  


Gaazexeessota haleellaa jalaa dheeffan, naannoo Kiyiv, Yukireen Bitootessa 6, 2022.
Gaazexeessota haleellaa jalaa dheeffan, naannoo Kiyiv, Yukireen Bitootessa 6, 2022.

Aangawoonni magaalaa galma mootummaa Yukreen Kiyeev irraa humnootiin Raashaa magaalatitti dhiyaatan jiru jechuun akeekkachisaa yeroo jiran kanatti, humnootiin Raashaa Wiixata har’a magaalaalee Yukreen gama kaabaa fi Kibbaa kan haleelanii jiru.

Waraanni Raashaa kan labsee fi garu karoora hojii irra hin olleen, siviiloota weerara kana keessatti qabamanii jiraniif, karaa itti ba’u danda’an karoorsaa jira.

Ajajaan humnootii Yukreen kan walii galaa akka jedhutti, humnootiin Raashaa Kiyeev, Kharkiiv, Chernihiv sumy fi Mykolayiv marsuu irratti qiyyaafatanii jiru.

Ibsa har’a baasan Kanaan, Raashaan seera gargaarsa dhala namaa kan addunyaa cabsuun, siviiloota haleeltii akkasumas, lafa to’atanii jiranti immo, rakkoo gargaarsa dhala namaa geesisaa jiru jechuun himatan.

Ministeerra ittisaa kan Rashaa gama isaaniin akka jedhetti, Wiixata har’a jalqabee uumanni magaalaalee arfan keessa jiran gadhisanii akka ba’an gochuuf karaa banuuf jecha waraannii Raashaa callinsaan tura.Karaan banaman kun hangii tokko kanneen gara Raashaa fi Beelaaruus ti ba’u danda’an dabalata jedha ibsii baase.

Kunis gaaffii kallattiin prezidaantii Fransaayii Imaanuu’eel Maakroon biraa gita isaanii kan Raashaa Vlaadmiir Putiniif dhiyeessaniif deebii kenname ta’u hubachisee jira.

Angawoonni Yukreen karoora Raashaa kana kan fudhatama kan dhabsiisan yoo ta’u keessumaa uummata gara Raashaa fi Yukreenti baasuu isa jedhu hin fudhanne.

Mummichi ministeeraa Yukreen kun filannoo fudhatama qabu miti jedhan. Kaawunsiliin baqattootaa kan Noorweey gama isaan, baqattotaaf karaa banuu jechuun kan hojii irra oluu danda’uu yoo namoonni gara iddoo nageenya isaaniif ta’uu fi ofii filatanti yoo ba’u ta’e qofa jedhan.

XS
SM
MD
LG