Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimma Yukireen Ilaalchisee Ibsa Muummicha Miinisteeraa Itiyoopiyaa Irraa Kenname


FAAYILII - Muummicha ministeeraa Itoophiyaa, Abiyyi Ahimed
FAAYILII - Muummicha ministeeraa Itoophiyaa, Abiyyi Ahimed

Waggoottan lamaan darban hawasa keenya addunyaa keessa kan jiru sadarkaa wal deggersaa kan sirriitti keessatti mull’ate ture. Naannoo keenya irraa dhimmootii nuti fagootti ilaallu dhugumatti biyyi inni kam iyyuu odola akka hin ta’iniif nutis saxilamoo ta’uu keenya mul’isa jedha ibsi muummicha ministeeraa Abiy Ahimed.

Ennaa COVID-19 mudate, dhiibbaan deebii kennuu kan biyya dhuunfaa addumyaa maratti dhaga’amee jira. Waggoota rakkisoo lama booda hawaasi addunyaa weerara sanaa fi daddaaqama dinagdee fi fayyummaa irraa ennaa dandammatu, jireenya uummata keenyaa kan duraan turetti deebisuun dursi kan kennamuufii qabu. Keessumaa hawaasaalee saaxilamoo ta’an. Weerara dhukkubaa ykn walitti bu’insa waraanaaf, kanneen akkaan miidhaan irra ga’u qaama hawaasa keenya kanaa ti.

Itiyoopoiyaan wal waraansa dhiyeenyaa irraa barnoota hedduu argattee jirti. Muuxannoon keenyas lolli daafoo hamaa inni maatii, hawaasa, lubbu qabeeyyii fi walumaa gala dinagdee irraan ga’e nutti agarsiisee jira. Ba’iin wal waraansa sanaan argame akka salphaatti kan bakka bu’u fakkaatus, dhiibbaa inni hawaasa irratti qabaatu garuu godaannisa biyyaa uumee darba.

Ibsichi itti fufee, Wal waraansa dhiyeenya geggeessame keessatti qaamotiin keessatti hirmaatan martinuu of eeggannoo guddaa akka godhan akkasumas haala akkaan yaaddessaa ta’an tuqachuu irraa akka of qusatan mootummaan koo waamicha dabarsuun isaa yaadannoo yeroo dhiyoo ti.

Itiyoophiyaan jijjiirama Awrooppaa keessatti mul’ataa jiru itti dhiyeenyaan hordofaa ennaa jirtu kanatti, rakkoo Yukireen keessaa ilaalchisee qaamotiin martinuu of akka qusatan yaadachiisna jedha ibsi waajjira muummicha ministeeraa Abiy kun. Jechoota dhimma isaa daran hammeessuu danda’an ilaalchisee yaadda’uu keenya ni ibsina. Kanaaf kanneen isaan ilaallatu martinuu walii galtee irra ga’uuf mala hedduu akka barbaadan gaafanna jedha.

Jaarraa 21ffaa keessa jijjiirama saffisaa goonee fi guddiinni jiru walitti idaa’amee, jireenyi keenya seena qabeessii fi gaddisiisaa ta’e, hariiroo keenya sadarkaa addunyaa fi diplomaasii keenya keessatti adeemsa daran wal dha’e agarsiisa. Martinuu idaa’amee zeeroo ta’uun dhugaa keenya ta’uu hin qabu. Keessumaa ka darbe irraa barachuu dhaan gara waliin jiraachuu sadarkaa ol aanaatti butachuu qabna.

Waaltaalee waloo fi qajeelfamaawwan nuti hundeeffanne, rakkoo furuuf, diplomaasii akkasumas misooma gamtaaf ennaa qopheessinu, bakka moggaatti qoodinsaa ta’uu hin qabu. Walii galtee sadarkaa uumuuf meeshaalee gargaaran argachuu utuu dandeenyuu, namoonni miliyoonaan laka’aman hundee dhaa kan itti buqa’anii fi rifaatuun sadarkaa addunyaatti kan itti dhaga’amu sababaa kufaatii diplomaasii hin ta’in. Qaamotiin isaan ilaallatu martinuu haala amma keessa jirru caalaa, filmaata karaa nagaa ennaa barbaadanitti Itiyoopoiyaan nageenyi akka bu’u hawwa ishee onnee irraa madde ni ibsiti.

Waqayyo mara keessan haa eebbisu.

XS
SM
MD
LG