Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Sababaa Hongeen Harageerraa Buqqa’anii Qellem Wallaggaa Keessa Qubsiisaman  Gargaarsa Dhabuurraa Miidhamuu Dubbatan  


FAAYILII - Buqaatota Godina Wallaga Lixaa qubsiifaman
FAAYILII - Buqaatota Godina Wallaga Lixaa qubsiifaman

Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Bahaa keessaa sababa hongee buqqa’uun Godina Qellam Wallaggaa aanaa Anfilloo keessa qubsiisamuu isaanii namootni dubbatan baatiiwwan darban sagaliif gargaarsa waan hin arganneef rakkoodhaaf saaxilamneerra jedhan. Beela irraa kan kahe daa’immaniifi haadholiin dhibamanii lubbuun isaanii darbe akka jiranillee himu namoota kana keessaa hagi tokko.


Bulchaan aanaa Anfilloofi itti gaafatamaan Waajjira hooggansa Sodaa Balaa Godina Qellam Wallaggaa ‘Gargaarsi buqqaatota sanaaf taasisamaa ture sababaa rakkoo nageenyaatiin addaan citee ture” ka jedhan yoo tahu, namoota sababaa beelaan du’an jedhame garuu odeeffannoo akka hin qabne dubbatan. Kanumaan wal qabatee, komishinarri itti-aanaan Komishinii Hooggansa Sodaa balaa Oromiyaa obbo Garramuu Oliiqaa “buqqaatota kana deebisanii gargaaruuf hojjatamaa jira” jedhan.

Namoonni Sababaa Hongeen Harageerraa Buqqa’anii Qellem Wallaggaa Keessa Qubsiisaman  Gargaarsa Dhabuurraa Miidhamuu Dubbatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:11 0:00

XS
SM
MD
LG