Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Sabaa Himaa Biyyoota Gama Dhiyaa Ugguraa Jirti


Raashaan Sabaa Himaa Biyyoota Gama Dhiyaa Ugguraa Jirti
Raashaan Sabaa Himaa Biyyoota Gama Dhiyaa Ugguraa Jirti

Qaamnii Midiyaa to’atu kan Raashaa dhaabatoota oduu kan biyya alaa hedduu BBC FI Docha velle dabalatee walitti bu’iinsa Yukreen waliin jiru irratti oduu sobaa facaasu jechuun ugguree jira.

Raashaan irra deddebitee komii dhiyeessiteen, midiyaan dhaabatootaa biyyoota gama dhiyaa oduu guutuu hin taanee fi yeroo baayyee farra Raashiyaa ta’e dhiyeessu jedha.Garu hogganoota ofii kanneen duula waraanaa hamaa biyyoota alaa kan akka Iraaqii keessatti gaggeessan akkasumas malaamatummaaf itti gaafatamoo ta’an hin dhiyeessan jetti.

Qaamnii Midiyaa to’atuu kan Raashaa Jimaata har’a akka jedheetti, BBC, Raadiyoo sagalee Amerikaa ykn VOA, Raadiyoo free Europe jedhamu, Dochaville fi midiyaalee kanneen biros ugguruu isaa, dhabbatii oduu walabnii kan Raashaa Intarfax gabaasee jira.

BBC iin na dhaabuu hin dandeessan jedhee jira.sababaa isaas odeeffannoo sirrii fi walaBA argachuuf mirga dhala namaa kan bu’uraa waan ta’eef uummanni Raashaa miliyoona hedduun kanneen torban torbaniin BBC dhaggeeffatan dhorkamuu hin qabu jedhe,

Oduun BBC akka Raashaa fi addunyaa hafees akka dhaqqabuuf yaaliin keenya itti fuufa jedha BBCn.

XS
SM
MD
LG