Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaa Biraa Deggersa Ga’aa Dhabuu Keenyaan Rakkataa Jirra: Godaantoota 


FAAYILII - Namoota naannoo Amaaraa magaalota adda addaa irraa buqahanii qarqaarsa Dabaarqi keessatti kennamu fudhachuuf eeggachaa jiran, Adoolessa 27, 2021
FAAYILII - Namoota naannoo Amaaraa magaalota adda addaa irraa buqahanii qarqaarsa Dabaarqi keessatti kennamu fudhachuuf eeggachaa jiran, Adoolessa 27, 2021

Kanneen godiina Wallaggaa Bahaa fi Dhiyaa keessaa jirrenya isaanii irraa buqqa’uun bulchiinsa naannoo Amaaraa godina Shawaa Gama Kaabaa Dabra Birhaan fi Matakkal keessatti daahannaa barbaadaa jirra namoonni jedhan mootummaa irraa deggers ga’aa dhabuu keenyaan rakkataa jirra jedhan.

Namoota godaanan kun RSA akka ibsanti, sababaa haleellaa garee isaan Shanee ittiin jedhanii fi riphxee looltoonni Gumuuz saba Amaaraa irratti qiyyaafataniif dhiifnee bane jedhu.

Gama kaaniin komishinarrii ittisa balaa fi wabii nyaataa kan bulchiinsa nannoo Amaaraa Lijaalam Zalaalam akka jedhanti, uummsnni amailiyoona 1.2 kanneen yeroo ABUT naannoo bulchiinsa Amaaraa to’ataa ture godaanan deebifamanii olloota isaanii keessa akka jiraatan ta’e jira.

Garu kanneen kuma 200 ta’an fi godaanan amma iyyu bakka ABUT bulchaa jiru kan akka Waahamraa keessa kan jiran yoo ta’u, haleellaa Shanee fi riphxee looltonni Gumuuz geesisan jedhaniin immo, kanneen godaanan bakka dahannaa keessa akka jiran ibsan.

Waajirri isaanii gargaarsa hatattamaa kennaa akka jiru, furmaata lubbuu dheeratu barbaachaa jirra jechuun obbo Lijaalam Zalaalam dubbachuu isaanii Aasteer Misgaanaawuu gabaastee jirti.

XS
SM
MD
LG