Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnootiin Raashaa Warshaa Nukleeraa Kan Yukreen To’atan


Humnootiin Raashaa Warshaa Nukleeraa Kan Yukreen To’atan
Humnootiin Raashaa Warshaa Nukleeraa Kan Yukreen To’atan

Humnootiin Raashaa warshaa Nukleeraa Awuroopaa keessatti guddicha ta’e zeberziyaa kan magaala Yukreen Eneergodaar keessaa to’achuu isaanii aangawoonni Yukreen ibsanii jiru.

Kunis gamoo mooraa warshiicha haleeluun ibiddi eega itti qabatee booda.kanneen Nukleera Yukreen to’atan akka jedhanti, qaanqeen nukleeraa faca’ee hin jiru akkasumas hojjatonni warshicha keessa jiraniis nagaan hojii isaanii itti fufanii jiru.

Angawoonni Yukreen akka jedhanti, ogeessonni ibidda dhaamsuutti bobba’an kan milka’an yoo ta’u haallii warshaa sana keessaas to’aannaa jala olee jira.

Mgaalaan Eneergodar humna maddisisuun akkaan barbaachiiftuu yoo taatu, magaala Kiyeev irraa gara kibba bahaatti fageenya kilo meetra 700 irratti argamti.Madda humnaa ykn Eneerjii Yukreeniif barbaachisu 100 keessaa harkii 25 achii irraa argama.

Prezidaantiin Yunaaytid Isteetes Joo Baaydiin gita isaanii kan Yukreen Viloodmir Zeleniskii waliin kan dubbatan yoo ta’u, waa’ee abidda warshaa Nukleeraa qabate kana kan ilaaleen waan haaraa jiru mar’achuu isaanii masaraan Waayiit Haawuus ibsa baaseen hubachisee jira.

XS
SM
MD
LG