Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hayyu Dureen Adda Bilisummaa Oromoo Duraanii Du'aan Boqotan


Obbo Galaasaa Dilboo

Hayyu-dureen Adda Bilisummaa Oromoo duraanii Obbo Galaasaa Dilboo dhukkuba onnee akka tasaa isaan mudateen kaleessa, Bitootessa 30, bara 2022 halkan du’aan boqoqachuu isaanii maatii isaanii keessaa Raadiyoo Sagalee Ameerikaatti himanii jiran. Du’aan boqochuu Obbo Galaasaa Dilboo ilaalchisee, Adda Bilisummaa Oromoo, Manna-maree Bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa fi muummicha-inistaraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimad dabalee qaamaonni adda addaa ibsa gaddaa baasanii jiran.

Sirni awwaalchaa Obbo Galaasaa Dilboo Sanbata fuul-dura keenyaa, Ebla 2 bara 2022, Kaatediraala Sillaasee ka magaalaa Finfinnee jirutti ka raaw’atamu tahuu Manni-maree bakka-bu’ootaa Itiyoophiyaa beeksisee jira. Tshaay Daamxoo kana irratti qabaasaa qabdi.

XS
SM
MD
LG