Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walti bu’iinsa Konsoo fi Allee gidduutti umameen namoonii 10 du’aniiru


Humnootii Naga Eegdotaa
Humnootii Naga Eegdotaa

Naannoo bulchiinsa kibba Itiyoopiyaa godinaa Konsoo fi aanaa Allee gedduutii walti bu’iinsaa irra deebi’ee umameen, gara lammaniiyuu namoonii 10 du’uun isaanii gabaasameeraa.

gabaasaan sagalee Amerikaa Yoonaatan Zebdiyoos biiroo Nageenyaa fi Tasgabbii naanichaa waabeffachuudhaan akka gabaasetti, walti bu’iinsa kanaan haanga’aan mootummaa tokko, miseensonni umina nageenyaa naanno kibbaa lama, akkasumas namoonii biroo sadii ajjeefamaniiru.

Godina konsootti jiraataa magaala Kolmee kan ta’an barsiisaa Tasfaayee Sintaayehu wa’ee namoottan ajjeefamanii sagalee Amerikaatti yemmuu himan akkana jedhaniiru

Namoonnii du’an gara kudhanii ta’u. kan madaa’animoo Afur ykn Shan ta’u. nu ammaa waan baqanee as jiruuf garaa naannichaa hin dhaqne. Umnii addaa fi poolisiin feederaalaa seenanii tasgabeessaa jiru.

obbo Tasfaayeen, qotee bultoonii qonnaa isaanii qotuu akka hin dandeenyeef sosochiin hawaasumaa hojiin mootummaa , mannii baruumsaa, jarmiyaaleen fayyaa, fi gabaan akka dhaabate, beelladoonii akka saamamaa jiran dabalanii dubbataniiru.

Itti gaafatamaa biroo nageenyaa naannoo kibbaa kan ta’an Obbo Alamaayyoo Bawdii sababa walti bu’iinsichaa fi midhaa qaqqabe irratti deebii sagalee Amerikaatiif kennaniin,

diigamsaa Zooniitiin walqabatee wa’ee laftii kan koo ta’uu qabaa jedhu irrati. Konsoon kan koo ta’uu qaba jedha. Aleenis kan koo ta’uu qaba jedhaa. Yeroo hunda wal lolu. Kun yeroo shafaadhaa ta’a jedhaniiru.

dhukaasaa isaan irratti banameen loltoonii mootummaa lama dua’nii lama immoo madaa’uu isaanii fi manootin jiraattotaa 17 akka gubatan Obbo Alamaayoon ibsaniiru.

Rakkinichii kan uumamee haanga’ootaa sadarkaa adda addaa irraa jiraaniin akka ta’e kan ibsan obbo Alamaayoon, rakkoowwan kanaan duraa dhalatanii turaanii yeroodhaan hiikinni ittuu hin laatamin hafuun sababa akka ta’e himaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG