Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muumeen ministeeraa Somaliyaa Jili gamtaa Afrikaa akka biyyaa bahan Ajajan


FILE - Muummicha ministeeraa Somaaliyaa Mohammed Husseen Robelee
FILE - Muummicha ministeeraa Somaaliyaa Mohammed Husseen Robelee

Muumeen ministeeraa Somaliyaa Mohamed Hussen Robelee, Somaliyaatti Jila addaa gamtaa Afrikaa kan ta’an Ambaasadar Fraansisikoo Madee’ira sa’aati 48 keessatti akka biyyaa kadi lakkisanii bahan Ajaja kennaniiru.

Muumichii ministeeraa, “Gochaa itti gaafatamummaa isaan gituu hin dandeenyee irratti hermaataniiru “ jechuudhaan ergaa ambaasadarichaa himatanii booda komishiiniin gamtaa Afrikaa akka Ambaasaadar Fraansiskoo Madee’iraa waamu gaafatanii , gaaffi gamtaa Afrikaas akka simatan ibsaniiru.

Haata’u malee prezidaantiin Somaliyaa Mohaamed Abdulaahi Mohamed murtoo muumichii ministeeraa mootummaa isaanii dabarsan battalumatti mormaniinu. Prezidaantich ibsa kennaniin, akka Ambaasadarich haryataman eenyuufuu akka aangoo hin kenninee beekisisanii, birmadummaa biyyaa irratti baleessaa isaan raawwatan ilaalchisee Ministeeraa Dhimma alaa irraa gabaasinni argatan akka hin jirre himaniiru.

Lammii biyya Moozaambiik kan ta’an Fransiskoo Maadee”ira kan Somaliyaatti ramadaman bara 2015 jalqabee yemuu ta’au , Somaliyaa keessaa haryatamuudhaaf Diploomaatii jalqabaa akka hin taane gabasameera.

Ittii aanaa isaanii kan turan Simoon Muloongo, ji’a Sadaasaa darbe Somaliyaadhaa haryatamaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG