Xurree ittiin seenan

Breaking News

Weerara Hawaannisa Boorana Mudate To’achuuf Xayyaarri Farra Ilbisaa Biifu Gaafannee Deebii Hin Arganne, Jedha Biiroon Qonnaa Oromiyaa


Naannoo Oromiyaa, Boorana
Naannoo Oromiyaa, Boorana

Biiroon Qonnaa Oromiyaa weerara hawaannisaa dhiyeenya Booranatti mullataa jira jedhame to’achuuf ministeera qonnaa Itiyoophiyaa gargaarsa xayyaaraa gaafatus deebii akka hin arganne beeksise. Obbo Dejenee Hirphaa, Biiroo Qonnaa Oromiyaatti itti-anaa Hoogganaa fi dursaan damee eegumsa biqiltuu, weerarri hawaannisaa kun erga mullate jedhamee baatiin tokko darbuu himanii dhiyeessii xiyyaara farra ilbiisaa biifu gaafatanii haga yoonaa deebii akka hin arganne beeksisan. Obbo Belyaaneh Nigusee, daarekterri damee eegumsa biqiltuu Ministeera Qonnaa Itiyoophiyaa xyyaarri kiraan adeemsarra jira jechuun dubbatanii jiran. Jiraattonni Booranaa Aanaa taltalle hawaannisi kun baala mukaa nyaata loonii fi horii kaaniif fayyadu ka duraa balleessu tahuu dubbatu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG