Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gargaarsii Tigraay Dhaqqabe Kokoolaataa 26 qofa: Angawaa Tigraay


konkolaataa gargaarsaa kan sagantaa nyaata Addunyaa

Mootummaan Feedeeraa kan Itiyoophiyaa fi bulchiinsii naannoo Tigraay baatii dabree gargaarsii akka seenuu gochuuf jecha walitti bu’iinsa dhaabuu isaanii labsanii turan.Ergasii as Guyyoota 20 keessatti kokoolaataa gargaarsa fe’an 26 qoftii Tigraay seenuu isaa itti gaafatamtuun waajiira Komunikeeshiinii bulchiinsa naannoo Tigraay aaddee Liyaa Kaasaa ibsanii jiru.

Aadee Liyaan RSA akka ibsanti waadaa seenamee haalli gaafatamee kan guutamee ta’uus gargaarsa ni argama jedhamee abdatamee hin argatiin jirra jedhan.

Gama kaaniin ministeerri koomunikeeshinii fi dubbii himaan mootummaa Itiyoophiyaa Laggasaa Tullu RSAs akka ibsanti gargaarsii darbee Tigraay akka seenuu gochuuf humnootiin ABUT Afaar keessaa ba’u qabu.

Kana malees jedhan mootummaan guyyaa guyyaan kokolaataan gargaarsa fe’e meeqa gamas seenuu akka qabu kan hin murteessine ta’u fi kunis fedhii arjaamtootaa irratti hirkata jechu isaanii Muluugeetaa Atsibahaa maqalee irraa gabaasee jira.

XS
SM
MD
LG