Ministriin dantaa alaa kan Yunaaytid Isteetes qabiinsa mirga namoomaa bara 2021 kan ilaaleen gabaasa waggaa kan biyyoota addunyaa irra jiranii har’a ifa taasisee jira.Itiyoophiyaa fi Ertraa keessatti dhiittaa mirgii namoomaa hamaan aangawootaa fi gareelee hidhataniin dhaqqabuu isaa ibsee jira.
Itiyoophiyaa ilaalchisees Sadaasa bara 2020 waraana ittisa biyyoolessaa fi humnootii TPLF gidduutti lolli geggeessame biyyattii gama kaabaa keessatti walitti bu’iinsi yeroon isaa dheerateen wal-qabaatee dhiittaaleen mirga namaa cimaa fi suukanessaa ta’an gabaasamuu dubbate - gabaasaan kun.
miseensonni naga eegumsaa garuu dararaa hamaa raawwachuu isaanii kan mul’isu gabaasaalee qabatamaatu jira jedhee, Walitti bu’insi sun gara naannolee ollaa Amaaraa fi Affaaritti kan ce’e yoo ta’u miidhaa hamaan dhaqqabuun gabaasamee jira.
Gama biraan walitti bu’iinsi polotiikaa fi sabummaa irratti hundaa’e keessumaa naannolee Benishangul Gumuz, Oromiyaa fi naannoo uummattoota kibbaa keessatti jeeqama kakaasee, waggaa guutuu dhiittaaleen mirga namaa raawwatamuu isaaf gabaasaaleen qabatamoon dhihaatanii jira, jedha.
Ertraa kan ilaaleen , Ertraan walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa gama kaabaa keessa waan seenteef jecha, kabajamuu mirga namoomaa kan ilaaleen haalli keessa jirtu gara hamaatti jijjiramee jira.Humnootiin ittisaa kan Ertraa dararaa mirga namoomaa hamaan dhaqqabuu fi bal’inaan gaggeeffamuu isaaf itti gaafatamoo ta’uu isaanii, kunis siviloota Itiyoophiyaa keessaa irratti ajjeechaa humnaan gudeeddii, fi dararaa dhaqqabe dabalata jedha gabaasnii ba’e.
Dhiimmotiin dararaa mirga namoomaa dhaqqaban kanneen gabaasa qabatamaa qaban kun, seeraan ala beekaa nama ajjeesuu, humnaan dhabamsisuu, dararuu, haala hamaa fi lubbuu namaaf sodaachisu keessatti hidhuu, haallii mana hidhaa keessaa rakkisaa ta’u, ajaja seeraan ala nama hidhuu, namoota siyaasaa hidhuu, walabummaa caasaa haqaa dhabamssuu, dhimmi dhunfaa keessa seeraan ala seenuu, wallitti bu’iinsa keessatti, dararaa hamaa geesisuu,kan jedhuu fi kanneen biros tarreesse jira.
Walaba ta’anii yaada ofii ibsachuu daangeeffamuu fi midiyaa irratti saansurii gochu, walba ta’anii walgahuu fi gurmaa’uuf mirgi akka hin jirre ibse. Jaarmayoot ngo fi kan hawaasaa, uggurri jabaan kan jiru ta’uu fi walabummaan amantii akka hin jirre ibse. Mootummaan aangawoota dhiittaa mirga namoomaa dhaqqabsiisan qoratee seera duratti dhiyeessuun adabsisuuf tarkaanfii fudhate hin qabu jechuun gabaasii kun lafa kaa’ee jira.