Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti Bu’iinsa Godinaa Addaa Hawaasa Oromoo fi Godinaa Shawaa Kaabaa Naannoo Amaaraatti Uumameen Namoonni 17 ta’an Du'an Jedhame


Godinaa Addaa Hawaasa Oromoo fi Godinaa Shawaa Kaabaa Naannoo Amaaraa
Godinaa Addaa Hawaasa Oromoo fi Godinaa Shawaa Kaabaa Naannoo Amaaraa

Walitii bu’iinsaa daangaa bulchiinsaa addaa Oromiyaa fi godina bulchiinsaa nannoo Amaraa keessaa jiru gidduutti uumameen lubbuun namoottan 17 ta’an darbuu isaa haanga’nii mootummaa naannoo sanatti argaman VOA tihimaniiru.

Itti gafatamaan dhimma Komonikeshinii godina bulchiinsaa Addaa oromiyaa obboo Jamaal Haasan, gareewaan finxaaleyoota jidhanii waman warren bulc hiinsaa godinaa addaa Oromiyaa fi Godinaa shawaa kaabaa balaaleffatanii balaa kanaan anaa Jiillee Dhum uugaa keesatiis namoonii lakkoofsii isaanii yeroodhaaf hin beekamne madaa’uu isaanii himaniiru.

Itti gaafatamaan dhimmaa kominiikeshiinii godina shawaa kaabaa Mohaamed Ahimad gamaa isaanitiin lubbuu namaaottanii irratti midhaan qaqqabuu isaa mirkaneesanii ,anaa Efrataah gidim keessatti mannoott an jireenyaa fi qabeenyee qonnaan bultootaa manca’uu isaa VOAti himuu isaanii Masfin Arraagee gabaaseera.

Dilbataa dheengaddaa Ebila 16 naannoo garba Nageessoo jedhamu irratti dubbiin tekisetoota giidduutti ka’e babaldhate badiinsa lubbuu namaat fi qabeenyatiif sababa ta’e kun ergaa umnii addaa noonnoo bulchiinsa Amaaraa fi Poolisiin Feederaalaa seenanii boodaa dhaabbachuun isaa himameera. Hoggantoota bulchiisaa ollaatiin mariin taasifamee haalii tasgaba’ee namoottan qe’ee isanii gad lakkisaanii baqatanis deebi’uu jalqabuu isaanii gabaasinni Masfin Arraagee dabalee ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG