Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hundeessitoota ABO Keessaa Took Ka Tahan Dr. Taaddasaa Eebbaa Du’aan Boqotan


Hundeessitoota ABO Keessaa Took Ka Tahan Dr. Taaddasaa Eebbaa (Suraa miidiyaa hawaasummaa irraatti hiriyoonni isaanii maxxansan)

Hayyuun, bu’ureessaa fi Hoggana olaanaa ABO kan turan Dr Taaddasaa Eebbaa dhukubsatanii as Yunaayitid Isttetis keessatti eega yaalamaa turanii booda kaleessa du’aan boqochuu isaanii Addi Bilisummaa Oromoo fi Waldaan Hawaasa Oromoo Waashington DC fi naannawa ishee ibsa a baasaniin beeksisanii jiran.

Ibsi Adda Bilisummaa Oromoo irraa bahe akka jedhutti, Dr Taddasaan adeemsa dheeraa qabsoo bilisummaa saba Oromoo ABOn geggeeffamu keessatti dirqama fi itti gaafatama sadarkaa addaatti ittia kennamaa ture nama bahataa turani dha. Dooktor Taaddasaa Eebbaa Hayyuu Saayinsii fi barreessaa tahuunillee nama beekaa qooda guguddaa gumaachan turan. Seenaa Dr. Taaddasaa Eebbaa sagantaa keenya fuulduraa keessatti bal’inaan itti deebina.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG