Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sirnii Awwaalcha Meejar Jeneraal Gabra Medhin Faqaaduu Har’a Gaggeeffamee Jira 


Meejar Jeneraal Gabra Medhin Faqaaduu
Meejar Jeneraal Gabra Medhin Faqaaduu

Sirnii awwaalacha meejar jeneraal Gabra Medhin Faqaaduu har’a kaateedraala sillaasee keessatti gaggeeffamuun ibsamee jira.sirna awwaalcha kana irratti paatriyaarkiin bataskaana ortodooksii Itiyoophiyaa Abuna Maatiyaa akkasumaas phaaphaasoota biroo akkasumas, itti gaafatamtoonni waajiraa fi kanneen waamichii dhiyaateef argamuu isaan koree sirna awwaalcha kanaa qindeessuuf miseensa kan ta’an obbo solomoon Abrahaa RSA ibsanii jiru.

Meejar Janaraal Gabra medhin Feqqaduu dheengadda haadha manaa isaani isaan dubbisuuf deeman fuula duratti laafanii kufuu isaanii fi daqiiqaa muraasa booda du’uun isaanii ni yaadatama.

Miseensoonni raayyaa ittisaa kan turanii fi isaan waliin hidhaa keessa jiran sirna awwaalchaa kan irratti argamuuf gaaffii dhiyeessan manni murtii kuffisuu isaa obbo solomoon ibsanii jiru.

Dargaggonni sirna awwaalcha kana irratti argaman Tigraay ni injifatti gonkumaa hin jilbeenfattu kan jedhanii fi dhaadannoolee kanneen biroo dhageesisaa turan.Polisii eeguumsa irra ture waliin kan walitti hin buune ta’uu garu ittiin ka’uumsa muddamsaa akka ture waahilli keenya Betre Silxaan gabaasee jira.

Ajjechaa Waraanni Itiyoophiyaa Gaggeesse Jedhame Vidiyoo Ba’e Qorataa Jirra:komiishiia Mirga Namoomaa.

Vidiyoon gidduu kana marsariitii irratti mul’ataa jiru kan humnootiin mootummaa ijoollee dhiiraa Tigraay irraati jedhame dararanii dhuma irratti ajjeesuu isaanii agarsisuu sana qorataa kan jiru ta’u komishiniin mirga dhala namaa kan Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Vidiyoon daqiiqaa afurii kun, gurbaan ajjeefamee sun namoota yuniformii waraana Itiyoophiyaan uffataniin marfamee kan agarsiisuu yoo ta’u gurbiichis iddoo Abi Addi irraa ta’uutu ibsame.

Vidiyoo irraa akka argamuutti, fuula isaa irraa dhiigii kan mul’atuu fi taa’ee kan ture yoo ta’u kanneen yuniformii waraanaa uffatan immo marsanii si ajjeefna jechuun dorsiisaa turan.Namoota Yunuformii uffatan sana keessaa tokko battalumatti isa ajjeesuu manna haa rakkatu jechaa ture.

Intallii durbaa tokko humnaan nyaata akka nyaachiftuuf itti himanii dhuma irratti warra marsan keessaa inni tokko gara fuula duraatti deemee itti dhukaasuu isaa agarsisuun vidiyoon kun xumuura.

Gochii kun eessatti akka rawwatamee fi eenyummaa namoota vidiyoo irratti mul’atu eenyu akka ta’an RSA mirkaneeffachuu hin dandeeye.Waa’ee vidiyoo kanaa kan ilaaleen ministeerrii komunikeeshinii mootummaas ta’e dubbii himaan ministeera ittisaa yaada kennuu irraa of qusatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG