Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Kaabaa Keessatti Haallii Beela Fakkaatu Mudachuu Mala: Samaantaa Paawar 


 Jaarmayaa misooma sadarkaa addunaayaa kan Yunaaytid Isteetes(USAID)f bulchituu kan ta’an Samaantaa Paawar (Suuraa faayilii)
Jaarmayaa misooma sadarkaa addunaayaa kan Yunaaytid Isteetes(USAID)f bulchituu kan ta’an Samaantaa Paawar (Suuraa faayilii)

Waggaa tokkoo fi walakkaa darbee keessatti walitti bu’iinsii Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti gaggeeffame rakkoo dhala namaa qofa otoo hin taanee badii gar-malee geesisee jechuun jaarmayaa misooma sadarkaa addunaayaa kan Yunaaytid Isteetes(USAID)f bulchituu kan ta’an Samaantaa Paawar ibsanii jiru.

Wal waraansii gaggeeffame uummanni Miliyoona 9 gargaarsa nyaataa akka eeggatu Miliyoonni 2 immo manaa fi qe’e ofii gadhisuun akka godaanuu dirqiisisee kan jedhanSamaantaan Tigraay keessatti uummanni harka 90 caalan gargaarsa irratti akka hirkatan taasisee jedhan.

Bulchiinsa naannoo Amaaraa Afaarii fi Tigraay keessatti uummanni hanga Miliyoona tokko ta’u baatii Waxabajjii dhufu haala beela fakkaatuutu isa mudachuu mala jedhan.

Jaarmayaa misooma sadarkaa addunaayaa kan Yunaaytid Isteetes (USAID) fi michoonni isaa hanga danda’ameetti gargaarsii gamas seenuu akka danda’uuf hojjataa jiiru jedhanii garu haallii jiru gad adeemuun itti fufeera jedhu.

Angawoonni Itiyoophiyaa kan sadarkaa hunda irra jiran fi hogganoonni naannoo gargarsii akka seenuu gochuun rakkoon jiru xumuura akka argatu Samantaa Paawar gaafatanii jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG