Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muddamsii fi Jechaan Tuttuqqan Dabaluun Na Yaaddeessee Jira:Komiishina Mirga Namoomaa 


FAAYILII - Komishinarii Komiishina Mirga Namoomaa kan Itiyoophiyaa Daani’eel Beqqalee
FAAYILII - Komishinarii Komiishina Mirga Namoomaa kan Itiyoophiyaa Daani’eel Beqqalee

Torbanneen darban muraasa keessatti muddamsii fi jecha tuttuqqaa gareelee walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa keessaa harka qaban mara biraa dabalaa deemuun kan isaan yaaddesse ta’u komishinarri komiishina mirga namoomaa kan Itiyoophiyaa Daani’eel Beqqalee beeksiisan.

Ibsa baasan Kanaan, muddamsii dabalauu fi darbee darbee humnootii Tigaay fi kan mootummaa fedeeraalaa giddutti wal waraansii jiraachuun yaaddeessaa dha jedha. Gam lameen dhukaasa dhaabiinsa baatii Bitooteessaa keessa tolfatan kan simatee komishinni kun, kunis bulchiinsa naannoo Amaaraa Tigraa fi Afaar keessatti kan akkaan barbaachiisu gargaarsii akka dhaqqabu karaa bane jedhee, rakkoo siyaasaa qabana karaa nagaan akka furatan gaafate. Kana malees, gargaarsa dhala namaa foyyeesuuf, tajaajiila bu’uraa iddootti akka deebifaman akkasumas, siviiloota deebisanii dhaabuun bulchiinsoota sadeen keessatti akka foyya’uuf irra deebiin gaafatee jira.

Qaala’iinsii jireenyaa mudatee, waan jireenyaaf barbaachisu kan bu’uraa dhabamuun fi Itiyoophiyaa gama kaabaa keessatti misoomnii dhabamee gargaarsii biyyatti iddoo biraatis gaafatamaa ituu jiru, wal waraansii ykn walitti bu’iinsii biyyatti iddoo kamiin iyyu keessatti gaggeeffamu hubannaa keessa kan hin gallee dha jedha ibsi ba’e.

Kanaafis, rakkoon jiru karaa nagaan akka furamuu, gamtaan Afrikaa fi Igaad, Tokkummaan mootummootaa michoonni sadarkaa addunyaa kan Itiyoophiyaa duula waraanaa ittisuuf deggersa akka taasiisan,akkasumas aangawoonni fedeeraalaa kan Amaaraa , Tigraay fi Afaar gargaarsa akka dhaqqabuuf haala akka mijeessan komishinichi gaafatee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG