Xurree ittiin seenan

Breaking News

Boji’amtoota Waraanaa Kan jedhame Soba: Mootummaa 


Boji’amtoota Waraanaa Kan jedhame Soba: Mootummaa 
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:41 0:00

Boji’amtoota Waraanaa Kan jedhame Soba: Mootummaa 

Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) dhiifamaan boja’amtoota nan gadhiisa kan jedhee irra jireessi miseensoota raayyaa ittisa biyyaa miti jechuun mootummaan Itiyoophiyaa ibsa baaseen beeksisee jira.

Tajaaiilli Komunikeeshinii mootummaa har’a ibsa baaseen garee shoroorkaa kan ittiin jedhe ABUT kanneen na gadhiisa ittiin jedhe harka caalaan maatii raayyaa ittisa biyyaa Tigraay keessatti iggitamanii turanii fi siviloota bulchiinsa naannoo Amaaraa fi Afaar to’atee Yeroo tureetti kannen gocha gara jabinaa irratti gaggeessaa ture dha jedhee jira.

Kana malees bulchiinsa nananoo adda addaa irra hojiif Tigraay keessa kan turan uffata looltuu itti uffisan hiriirsan kan jedhu ibsii ba’e kunis qorannaa mootummaan gaggeesseen bira ga’ame jedha.

Waaltaa boji’amtootaa Tigraay keessaaf wal taasisaa kan ta’an Obbo Birhaana Atsibahaa kamiisa dabree boji’amtonni 4000 ol akka gadhiifaman ibsanii turan.

Looltonni kun hanga naannoo humnootiin Tigraay to’ataa jiranti kokolaataan erga deemanii booda, imaltuun isaanii itti aanuu waldaa fannoo dimaa kan addunyaatu qindeessa jechuun obbo Birhaana kan ibsan ta’uus, koreen fannoo dimaa kan addunyaa garu kana keessatti hirmaannaa akka hin qabne beeksisee jira.

Dubbii himaan TABUT Geetaachoo Raddaa fuula Twitarii ofii irratti akka maxxansanti, ibsii waajiira komunikeeshinii kun boji’amtonni gadhiifamuu isaanii haaluuf tarkaanfii fudhAtame jedhanii, kanneen gadhiifaman kan dacha lama kan ta’an amma iyyu humnootii Tigraay harka jiru jedhan

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG