Hogganaa olaanaan ABO Koloneel Gammachuu Ayyaanaa caamsaa 16 bara 2014 akka mana hidhaatii hiikaman mana murtii walii-galaa Federaalaatti dhaddachi ijibbaataa 3ffaan har’a ajajuu isaa abukaatoon isaanii obbo Tuulii Baay'isaa VOAtti himanii jiran.
Konoleer Gammachuu Ayyaanaa sababa maalin akka hidhamanii koomishiniin poolisii Oromiyaa dhiyaate akka ibsu dhaddachi ijibbaataa ajaja kennee kaleessatti ballameyyuu koomishinichi hin dhihaatiin hafuu isaatiin, manni murtii har’a akka Konoleel Gammachuun hiikaman ajaje, jedhan – Obbo Tuuliin. Tsahaay Daamxoo tu Finfinnee irraa gabaase.