Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ajjeechaan Gaggeeffame Akkaan Yaaddeessaa Dha.: Amerikaa 


FAAYILII - Dubbii himaa ministrii dantaa alaa Amerikaa Need Praayis, Bitootessa 10, 2022.
FAAYILII - Dubbii himaa ministrii dantaa alaa Amerikaa Need Praayis, Bitootessa 10, 2022.

Itiyoophiyaa keessatti namoonni dhibbootaan laka’aman ajjeefaamuu ilaaalchisee gabaasa gurratti hin tollee jechuun kibxata kaleessaa kan ibsitee Yunyaatid Isteets adda addummaan jiruuf firmaanni karaa nagaa akka barbaadamuuf irra deebitee gaafattee jirti.

Kanneen lubbuun hafan dhaabata oduu Ajaans Fraans Preesiif akka ibsanti, namoota Amaara ta’an dhibbotaan lakka’aman dhuma torban dabree irra riphxee looltoota Oromiyaan ajjeefaman jedhanii reeeffii isaaniis daandilee irra jira jedhu.

Dubbii himaan ministrii dantaa alaa Amerikaa Need Praayis gocha sukanneessaan kun akkaan isaan yaaddeessuu ibsan.Lammiwwan Itiyoophiyaa martii hokkara fudhatama dhabsisuun, adda addummaa qaban mariin akka furan gaafann jedha ibsii Praayis baasan.

Mariin guutuu biyyaa gaggeeffamu namoota midhaa irra ga’eef murtii haqaa kan kennu, kanneen dhiittaa mirga namoomaa fi hokkara dhaqqabsiisan seera duratti dhiyeessuu of-keessaa qabaachuu qaba jedhan praayis.

Angawoonni bulchiinsa naannoo Oromiyaa akka jedhanti, haleellaan kana dhaabata shoroorkaa jechuun kan mootummaaan Itiyoophiyaa moggaase waraana bilisummaa Oroomootu raawwate.

Garu, dubbii himaan garee riphxee looltootaa kanaa akka jedhanti, milishoota mootummaa deggeran kan Oromiyaatu kana raawwate jechuun qorannaa walabnii akka gaggefefamu gaafatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG