Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koomishinarri Ol’aantuun Mirga Namoomaa Ajjeechaan Itiyoophiyaa Keessatti Raaw’atame Akka Hatattamaan Qoratamu Gaafatan 


FAAYILII - Dhaabbata mootummoota gantoomani komishineerii olaantuu mirgaa namoomaa, Misheel Baachileet
FAAYILII - Dhaabbata mootummoota gantoomani komishineerii olaantuu mirgaa namoomaa, Misheel Baachileet

Dhaabbata mootummoota gantoomanitti komishineerii olaantuun mirgaa namoomaa Misheel Baachileet Waxabajii 18, 2022 godina Wallggaa lixaa anaa Gimbii bakka Tole jedhamuutti ajjeechaan namoottan nagaa irratti raawwate akka dafee qaama walaba ta’een qoratamuu mootummaa Itiyoophiyaa gaafataniiru.

Haleellaa rawwatame Kanaan namoonni gosa saba Amaaraa ta’an dhibaan lakkawaman ajjefamanii, Kuma Lamaa ol kan ta’an jereenyaa isaanii irraa buqa’aniiru kan jedhee ibisi Misheel Baachileti namootan miidhaan irraa gahee caalaan isaanii dubartootaaf ijoollewan akka ta’e beeksisee jiraa.

Ajeechaan Tolee ti taasifamee suukanneessaa akka ta’e kan ibsan Misheel Baachileet, namoottan midhaman fi maatiwwan isaanii dhugaa jiruu beekudhaaf mirgii isaanii eegamuuf akka qabu gaafatanii, warreen gochicaa raawwatan seeratti dhiheesuudhaan haqinii akka mirkanaa’uu qabu hubachisaniiru.

Haleellaa raawwatame sanaan namoonni lakoofsii isaanii addan bahee hin beekamne akka butaman kan beekisisee ibsii kun mootummaan tarkaanfii barbaachisadhaafi seeraa qabeessa ta’ee fudhatee namoottan butamanii fudhataman akka bilisoomsuu komishiineer Baashileet gaafachu isaani ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG