Xurree ittiin seenan

Breaking News

Aangawaan Gamtaa Awurooppaa Itiyoophiyaan Boba’aa Gahaa Gara Tigiraayiti Ergaa Akka Hin jirre Dubbatan  


Faayilii - Konkolaataa Dhaabbata Nyaataa Addunyaa, Tigraay
Faayilii - Konkolaataa Dhaabbata Nyaataa Addunyaa, Tigraay

Gamtaa Awuroopaatti Komishinerii bulchiinsa balaa kan ta’aniff torban kana keessa Tigraayiin kan daawwatan Jaaneez Leenaarsiis gargaarsa namoomaa Tigraayiin seenee bakkawwan barbaachisuun gahuudhaaf hanqinni boba’aa jiraachu isaa ibsani, mootummaan Itiyoophiyaa gamma isaatiin boba’aa gahaan Tigraayitti ergamaa akka jiruu himee komiin dhihaatee dhugaa akka hin tane beeksisee jira.

Halimaa Atumanii Finfinne irraa akka VOA dhaaf gabaastetti, ugura gargaarsaa namoomaa itti fufee jiruun kan ka’e lammiileen Tigraay rakkachaa jiru jechuudhan haanga’an Gamtaa Awurooppaa Maqaleedhaa deebi’anii ibsa kennaniin akkana jedhaniiru.

“Dhorkaan karaa boba’atiin jiruu akka ka’u ni barbaadama. Boba’an dabalataa barbaachisaadha. Gargaarsii midhaan nyaataa maqalee gahus bakka barbaachisummaan jiru baadiyaadhaan gahuun isa malee hin danda’amu. Haalii amma jiru kana. maneen kuusaa gargaarsaa namoomaa Maqalee keessa jiran guutuudhaa. Garuu ummaanii baadiyyaa keessaa jiru ammayyu beela’aa jira”

Itti gaafatamtuun dhimma preesii waajjira Muumee ministiraa Billenee Siyum karaa boba’atiin ugurrii ykn daanqaan taasifamee akka hin jire himaniiru. Akka Biillanee Siyum jedhanitti, torban darbe konkola’atooni Sadii boba’aa Liitirii 137,500 fe’an Maqalee seenanii jiru. Akka walii galaatti ji’a Ebilaatii kaasee boba’an Liitirii 920,000 Tigraayiti ergamuu isaa kan ibsan Biillanee Siyum itti dabaluudhaan akkan jedhaniiru.

Waajirri dhimma alaa mootummaa naannooTigraay fuulaa Tiwuutarii isaa irratti akka jedhetti, ji’a Ebilaatii as boba’aan Tigraayiin seene liitirii 770,000 qofaa akka ta’e ibsuun isaa beekameera.

Balaliin Xiyyaaraa gargaarsa namoomaa gara Tigraayittti taasifamuu akka dhaabbatee Mootummaan ibsii jira.

Mootumaan feederaalaaa Itiyoophiyaa yeroo amma naanoo Tigraay kan bulchaa jiru TPLF akka xiyaarii gargaarsa namoomaa Maqalee hinqubanne ugureeraa jechuudhaan ibsee jira.

Tajaajilli kominikeshinii mootummaa guyaa kaleessaa xiyaaronni gargaarsaa namoomaa fe’anii Tigraayiin deeman Akka dirree xiyyaaraa Maqalee iraa hin qubanee TPLF dhorkeeraa jechuu isaa gabaasinii kenedii Abaatee ibseraa.

Mootummaan bulchiinsaa naannoo Tigray dhimaa kana irratti ibsaa baaseen himannaa mootumaan Itiyoophiyaa dhihesse dhugaa akka hin taane himee, Tigraay kessaa waan hanqinnii bo’aba jiruuf tajaajilaa buufata xiyyaaraa kennuun akka isa rakkisaa jiru ibsuun isaa beekameeraa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG