Xurree ittiin seenan

Breaking News

WBOn Ajeechaan Wallaga Lixaa Keessatti Raawwatame Akka Qaamaa Wallaba Ta’een Qoratamu Gaafaate 


FAAYILII - Magaala Gimbii
FAAYILII - Magaala Gimbii

Ajeechaa jimlaa torban kana godina wallaga lixaa aanaa Gimbii bakka Tolee jedhamu keessatti namoottan nagaa irratit raawwatamee qorachuudhaaf Mootummaan Itiyoophiyaa akka hin amanamne gareen hidhattootaa Waraana Bilisumaa Oromoo Innii mootummaan Shanee jedhee waamu hubachissuu isaa gabasinii AFP Naayiroobii irraa ibseeraa.

Dubbi himaan WBO Odaa Tarbii fuula Tiwuutarii isaanii irratti ibsa kennaniin haanga’onii mootummaa Itiyoophiyaa qorannoo wallaba ta’e tasiisuu danda’a jenee hin amanuu jechuu isaanii fi waggootan Afuran darban keessaa ajeechaan hedduun raawwatamanus amma ammaatti deebiin akka hin argamnee barreesuu isaan AFPn gabaaseera. Sababa Kanaan qaamnii sadaffaan walaba ta’e qorannoo geggeesuu akka qabu gaafatamuun isaa ibsamera.

Komishiinerii ol’aantun mirga namoomaa mootummootaa gamtoomanii Micheel Baachleet, kamisa kaleessaa ibsaa kennaniin ajeechaa raawwatamee kana irratti mootummaan Itiyoophiyaa atattamaan akka qorannoo taasisuu gaafachuun isaanii gabaasameera.

Haaluma walqabateen Komishiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa, akka ajjeechaa Wallga lixaa fi Gambeelaa keessatti raawwate qoratu Kamisaa kaleessaa manni maree bakka bu’ootaa mootummaa feederaalaa qajeelfama kenuun isaa beekameera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG