Xurree ittiin seenan

Breaking News

Buqaatota Naannoo Afaariif Gargaarsii Dabalataa Akka Barbaachisu ibsame 


Namoota qehee irraa buqahan qarqaarsa fudhachuuf jiran, Dubtii, Afaar
Namoota qehee irraa buqahan qarqaarsa fudhachuuf jiran, Dubtii, Afaar

Kaabaa Itiyoophiyaa naannoo bulchiinsaa Affaar keessatti namoonni jereenyaa isaanii irraa buqqa’anii hanqinaa midhaan nyaataatiif daawoo dhabuutiin kan ka’ee gara qe’ee isaanii keessaa baqatanii bahanitti deebi’aa akka jiranii fi dhaabanii mootummoota gamtoomanii deebi’uun isaanii fooya’iinsii haalaa jiraachuu kan mirkaneesuu akka hin taanee ibsee, degersaa adduunyaatif waamichaa taasisuu isaa gabaasinii Halimaa Atumaanii Naannoo Affaar magaalaa Samara irraa VOAdhaaf gabaastee ibseera.

Mooraa buqqaa’otaa Dubti ti argamuu keessaa namoonii kuma 30 kan jiran yemuu ta’uu, caalaan isaanii lola mootummaa feederaalaaf ABUT giduutti taasifamee baqa qe’ee isaanii gad lakisani fi warren biraa immoo sababa hongeetin kan ka’ee beeladoonni isaanii jalaa dhumanii jennaan waan nyaatan dhabanii warren buqqa’an ta’uu isaanii hoggantoonni bulchiinsa naannoo Affaar ibsuun isaanii gabassameeraa.

Haadhaa ijoollee Sadii kan ta’an Miyira Muhaamed ji’a Amajii keessaa kiiloo meetirii 400 imaluudhaan mooraa buqqaatotaa yemuu gahan moorichii guutee ,wantii nyaatamuuf bakka boqonnaa hin qabu.aadde miyiraan rakkinaa isaanii yemuu himatan,

"waan nuuf wayyuu hin beeku. Sababnii isaas, yoon qe’ee kootti deebi’ayoo kan nu gargaaru hin jiru. Asii gargaarsa gahaa argachaa hin jirru. Yaaddoo caalaatuu natty dhagahama. Waa’een deebi’uu na yaaddeseeraa," jedhaniiru.

Miyiraan kophaa miti. Haanga’oonni balaa Affaar akka jedhanitti ji’a Waxabajii keessa sababa hanqinaa gargaarsaa fi cufamuu mooraatiin kan ka’e namoonni 8000 bakka dhufanitti deebi’aniiru.

Akkaa ejensiin dhimmaa baqattootaa mootumoota gamtomanii jedhutti ji’a bitootessaa irraa jalqabee buqqaa’onni kuma 12 garaa qe’ee isaanitti deebi’aniiru.

Dhaabata mootummoota gamtoomaniitti waajjirii dhimaa namoomaa Itiyoophiyaa akka jedhetti namoottan qe’ee isaanii irraa buqqan kana qaqqabuudhaaf gargaarsaa doolaaraa biiliyoonii Sadiitu barbaachisaa.

Waajiraa mootumootaa gamtoomaniitti kutaa qindeessa dhimmaa namoomaa irraa Maayikl Saad yemuu dhubbatan, "yoo bakkaa dhaabanii egumsaa fayyaa, mannii baruumsaa, bishaan, ibsaan,baanki fi telekomonikashiiniin hin jirreti deebi’an haalii ifatii ulfaataa ta’a," jedhaniiru.

Duma irratis lammiileen Itiyoophiyaa filannoo gaarii malee wal waraansaa fi beelaan qe’ee isaanii irraa buqqa’aa jiru jedhaa gabaasinnii Halimaa Atumaanii.

Haaluma walfakkaatun dhaabbata mootumootaa gamtoomanitti Sagantaan nyaataa adduunyaa WFP lammiilee Itiyoophiyaa beelaan dararamaa jiran gargaaruudhaaf gargaarsaa gaafachuun isaa gabasameeraa.

Dhaabataa Nyaataa Aduunyyatii daarekteerri kutaa gaanfaa Afrikaa akka jedhanitti, namoonni wabii midhaan nyaataa hin qabne dhibeentaa 90 kan caalee yemuu ta’u wagga darbe irraa yeroo ammaa namoonni miiliyoonii 89 ta’an haala rakkisaa ta’e keessa jiru.

Haalii yeroo ammaa Itiyoophiaa keessa jiru biyyya adduunyaa kamiinuu caalaa yaaddesaa akka ta’e Room Irratti gaaffii fi deebii taasisaniin kan ibsan Michael Dunfoord rakkinichii waltii bu’iinsaa, haalaa qileensaa , dhibee Kooviid fi dhiyeenyaa kana immoo lola Yuukreenin kan walqabateedha jechuun isaanii beekameeraa.

Walwaraansi ji’oottan 19 fi kaabaa Itiyoophiyaatti taasefamaa ture hongeedhaan walqabatee namootta Miiliyoonii 13 gargaarsaa nyaata namoomaatiif akka saaxilee kan himee ibisii kun, sagantaan Midhaan Nyaataa Adduunyaa lammiilee Itiyoophiyaa gargaarsa barbaadan Miiliyoonii 11 fi baatiwwan Jahan dhufanuuuf midhaan dhiheesuudhaaf doolaarrii Miiliyoonii 470 akka isa barbaachisu ibseeraa.

Koreen mana maree feederaalaa hidhamtootaa naannoo Amaaraa daawwate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG