Rakkoo Itiyoophiyaa Kaabaa jiru furuudhaaf filannoon fala marii nagaa karaa heera biyyattii hordofee fi dantaa biyyattii kabajchiiseen, qindeessummaa Gamataa Afrikaatiin akka geggeessamu murteessuu isaa Paartiin Badhaadhinaa beeksisee jira, jechuun Dhaabbanni Preesii Itiyoophiyaa gabaaseera.
Miseensi Koree Giddu-galeessaa Paartii Badhaadhinaa – Dr. Geediyoon Ximootiwoos har’a akka ibsanitti Paartin Badhaadhinaa rakkoo jiru furuuf filannoon karaa nagaa ilaalchisee koreen qorannoo geggeesse gabaasaa isaa ka dhiheessee jira. Qorannoo sana irratti hundaa’uudhaan mariin akka geggeessamuf hubachiisanii jiran.
Mariin kunis Gamtaa Afrikaa jalatti tahuu akka qabuu fi karaa heera mootummaa fi haalawwan seeraa hordofee tahuu akka qabuu fi haala kamiinuu dantaa biyyaa kan eegsisu tahuu akka qabu murtiin dabruu isaa dubbatan – Dr. Geediyoon Ximootiyoos. Yaaliin araaraa sun kan hin milkoofne yoo tahu tuttuqqaa of irraa ittisuuf tarkaanfiin ka fudhatamu tahuun ibsamee jira, kan jedhan Dr. Geediyoon, gama kanaan raayyaan ittisaa biyyaa fi dhaabbatoonni naga-eegumsaa kanneen biroon carraaqqii jalqaban jabeessanii akka itti fufan murtiin dabarsamuu dubbatan.
Haaluma Kanaan gama mootummaa federaalaa Itiyoophiyaatiin Gurmuun Araar-teessotaa ramadamuu ragaan Dhaabbata Preesii Itiyoophiyaa dhaqqabe beeksisee jira. Miseensonni gurmuu kanaas kanneen armaa gadii ti.
1ffaa. Obbo Dammaqee Mokonnin....... walitti-qabaa
2ffaa. Dr. Geediyoon Ximoootiwoos .... miseensa
3ffaa. Obbo Tamasgeen Xuruney ...... miseensa
4ffaa. Ambaasaaddar Hasan Abdul-qaadir .... miseensa
5ffaa. Ambaasaaddar Reediwaan Huseen ..... miseensa
6ffaa. Let. Jeneraal Birhaanuu Baqqalee .... miseensa
7ffaa. Dr. Getaachoo Janbar ......... miseensa
Koreen Giddu Galeessaa Badhaadhinaa Walgahii Isaa Xumuruu Beeksisee JIra
Ajjeechaa sivilootaa wallaggaaa dhiyaa keessatti gaggeeffame dabalatee rakkoo nageenyaa kan yeroo ammaa irratti marii akeekkatee gaggeessaa turee xumuruu isaa Partii Itiyoophiyaa bulchaa jiru Badhaadhina keessatti koree giddu galeessaa beeksisee jira.
Prezidaantiin mootummaa bulchiinsa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi giti isaanii kan mootummaa bulchiinsa naannoo Amaaraa Obbo Yiliqaal Kaffaala midiyaa naannoof akka ibsanti diina waloo keenyaa kan ittiin jedhan shaneen, ajjeechaa waxabajjii 18 wallaggaa dhiyaa keessatti rawwate jedhan duula waraanaan injifachuuf kallattiin ka’amu ibsan.
Waraanni bilbisummaa oromoo garu siviiloota ajjeese himata jedhu kana soba jechuun haleellaa dhaqqabeef milishoota mootummaatti hidhata qaban himatee jira.