Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wallaggaa Dhiyaa Keessatti Lakkoobsii Namoota Ajjefamanii Dabalaa Jira:Waldaa Amaaraa Amerikaa Keessaa 


Gimbii, Walaga Lixaa

Namoota dhibba hedduu kan irra jireeessaan dhalattoota Amaaraa ta’an, ganda tokkoo fi naannoo isaatti baatii kana keessa ajjeefamuun Itiyoophiyaa keessatti dhohiinsa hokkara gosaa ka dhiyeenya kanaa ta’e jira.

Lammiwwan Itiyoophiyaa mootummaan Fedeeraalaa muddamsa hokkara gosa irratti hirkatee irraa, attamitti nu ittisuu dadhabee jechuun akka gaafatan taasisee jira.Kana malees, caasaa federaalaa keessatti kanneen sab-xiqqaalee ta’an eenyummaa isaaniif jecha akka saaxilaman ta’e ykn eegumsii hin taaneef? jechuun gaafatu.

Waldaan Amaaraa kan Amerikaa akka jedutti, siviloonni 503 ajjeefamuu mirkaneesseen jira jedha.Kana malees reeffii namootaa argamaa jira jedhan. Namnii ijaan argee jedhan Mohammed Kemal akka jedhanti, reeffa namoota 430 kan awwaalan yoo ta’u kanneen biroon amma iyyu ala jiru akkasumas manca’aa jira jedhan. Mootummaan Itiyoophiyaa garu lakkoobsa kana hin ibsiin jira.

Kanneen lubbuun hafan dhaabata oduu Asoosheetid Preesiif akka ibsanti, aangawoota naannoo eega akeekkachisanii booda iyyu haalli uumamee “dhiigaan dhiqachuu” fakkaata jedhan.

Jiraattonni fi aangawoonni Oromiyaa tarkaanfii fudhatame kanaaf waraana bilbisummaa oromoo kan mootummaan shoroorkeessaa dha jechuun moggaase himatu.Dubbii himaan waraana bilisummaa Oromoo kun soba jedhanii humnootii federaalaa fi milishoota oromiyaatu jiraattootaan OLA deggertu jechuun tarkaanfii kana fudhate jechuun himatan.Kunis olaana tarkaanfii humnootii federaalaa fi milishoota irratti fudhate jalaa eega dheessanii booda kana jedhan jedhu.

Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad humnootiin nageenyaa olaa irratti duula jalqabuu isaanii kan ibsan ta’uus lammiwwan biyyatti hedduun ajjeechaa marsaan itti fufee waan arganiif jecha ija shakkiin ilaaluu.

Prezidaantiin mootummaa bulchiinsa nananoo Oromiyaa shimallis Abdisaa, Kamiisa dabree iddoo hundumaatti nageenya eeguun rakkisaa ta’u ibsuun, duullii inni ammaa kun garu, dandeetti dinnii idoo dha gara iddotti deemuuf qabu laamsheessa jedhan.

Haleellaan Gaggeeffame Ijoollee Warra Malee Hambisee Jira:Imaama Masjidaa

Godiina Wallagaaa Lixaa Gimbii bakka Tolee jedhamtuutti haleellaan dhiyeenya kana gaggeeffameen kan ka’e daa’imman hedduun warra malee hafuun ibsamee jira.

Imaamiin Masjiidaa naanoo Sanaa akka jedhanti ijoolleen yoo xiqqaate 40 ta’an masjiida isaanii keessa buufatanii akka jiran ibsan.

Jiraataan naannoo tokko RSA akka ibsanti, ijoolleen 300 ta’an abbaa ykn haadha isaanii dhabaniiruu ykn lamaanuu dhabanii jiru ykn addaan ba’aniiru.Kanaaf jecha qofaa isaanii jireenya gaggeessuuf jiru jechu isaanii Asteer Misgaanaaw Baahir Daar irraa gabaastee jirti.

XS
SM
MD
LG