Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa fi Sudaan Walti-bu’iinsa Babaldhisuu Irraa Akka Of Qusatan Gamtaan Afrikaa Gaafate 


Mootummawwan Itiyoophiyaa fi Sudaan dubbii walti bu’iinsaa daanga biyyottan lammanni irratti rawwatameen ka’e akka qabbaneessaan gamtaan Afrikaa gaafachuu isaa AFP gabaaseere jira.

Durataa’n Komishiinii gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaamat Roobii har’aa ibsa kennaniin, biyyootan lamman akka walti bu’iinsa babaldhisuu irraa of qusatanuu fi akka marii taasisan waamichaa dhiheessaniiru. Biyyootan Obbolaan lamman waldhabiinsaa isaan gidduu jiru mariidhaan hikuu ni danda’u kan jedhan Muusaa Fakii, walti bu’iinsichii eessaayyuu haa jalqabamuu , garaa walwaraanssatti deemuun dhaabbachuu akka qabuu hubachiisaniiru.

Waxabajii 22/2022 daangaa Itiyoophiyaa fi Sudaan bakka walfalmiin yeroodheeraa itti taasifamaa Alfashaaqaa jedhamuutii walti buinsaa umameen loltoonii sudaan torba du’aan isaanii hordofuudhaan mootummaan Sudaan qibxataa dheengadaa Ambaasadaraa isaa kan finfinee jira deebisee waamee, dhimichii garaa mana maree nageenyaa mootummootaa gamtoomanii fi gamtaa Afrikaatti akka dhiheesuu dhaadate ture.

Haanga’onni ministira dimmaa alaa fi minsiteeraa Itisaa biyyaa Itiyoophiyaa waraanni biyyatti akka sudaan irratti dhukaasaa hin taasifne ibsanii loltoonni Sudaan daangaa cabasanii yemuu seenan milishootaa naannoo wajjin walti bu’insa uumameen loltoonni Sudaan akka ajjefaman ibsuun isaanii gabasameeraa.

Qibxata kaleessaa loltoonni Sudaan daangaa Itiyoophiyaa irratii haleella raawwachuu isaanii gaazexaan Sudaan Tribuun jedhamu barreesuu isaa kan ibsee AFP , Dubbii himaan waraana Sudaan Naabiil Abdallaa waranii isaanii haleella akka hin raawwanee, fuulaa durattis haleellaa raawwachuudhaaf karoorra akka hin qabnee ibsuu isaani gabaaseera.

Itiyoophiyaa fi Sudaan waldhabiinsaa Bakka Al faashaqaa jedhuu irratti qabaniin alatti hidha laga abbayyaatiin walqabatee Sudaaniif Masir waliin Ta’uudhaan mootummaa Itiyoophiya irratti akka komii qaban gabaasni AFP ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG