Xurree ittiin seenan

Breaking News

Odaa Roobaa Daangaan Sarbamee, Eegumsi Isaa Kufee Jedhame  


Odaa Roobaa Daangaan Sarbamee, Eegumsi Isaa Kufee Jedhame  
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:05 0:00

Odaa Roobaa Daangaan Sarbamee, Eegumsi Isaa Kufee Jedhame  

Ka godinaa Baalee keessatti argamu Odaa Roobaa Odaawwan Oromoo gurguddoo shanan keessaa tokko.

Odaan Rooba bakka Seerri Gadaa Oromoo irraa waraabame jedhamuun beekama jedhu aangawaan waajjira Aadaa fi Tuurizimii Baale Bahaa - Obbo Abdulkariim Abdii Roobaa. Odaan Roobaa kanneen biroo irraa umriin quxusuu tahus seerri Gadaa Odaa shananii Oromoon qabu asii waan waraabameef madda seerichaa tahuun angafata jedhan.

Haa tahu malee Odaan kun yeroo ammaa daangaan isaa sarbamee, eegumsi isaas kufee jechuun VOA’tti himan – aangawaan kun fi Abbaan Gadaa Odaa Roobaa. Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Baale Bahaa ammoo waan kana furuuf Biiroo Aadaa fi Tuurizimii waliin hojjechaa jirra jedha.

XS
SM
MD
LG